ONM-ABO Amajjii 17, 2026
Xiyyaarri USS Abraham Liinkan fi dooniiwwan waraanaa eegduu ishee muraasni Galaana Chaayinaa Kibbaa irraa gara Baha Giddugaleessaatti qajeelaa akka turan gaazexaan Niwu Yoork Taayims Kamisa dheengadda kan gabaase yoo ta’u, kunisn yeroo waldhabdeen Ameerikaa Iraan waliin qabdu cimaa dhufetti.
Qondaaltota lama maqaan isaanii akka hin dhahamne barbaadan wabeeffachuun maxxansichi akka gabaasetti, dooniin geejjibaa fi eegdonni isaa gara torban tokkoo booda naannicha gahuu akka danda’an ibseera.
Itti dabaluudhaanis qondaaltota kana wabeeffachuun akka jedhetti “xiyyaaronni waraanaa hedduun, xiyyaarota waraanaa, xiyyaarota haleellaa fi xiyyaarota boba’aa itti guutan walitti makaman of keessatti hammachuu hin oolle, yeroo dhiyootti gara naannichaatti yaa’uu jalqabu jedhamee eegama.”
Gama biraatiin ammoo, Peentaagoon meeshaalee ittisa qilleensaa, misaa’ela interceptor dabalatee, buufataalee Baha Giddugaleessaa fi Galoo Galaanaa, “keessattuu buufata xiyyaaraa al-Udaryid Kaataar keessatti” eegumsa gochuufis gara naannichaa ergaa jiraachuu gabaasni kun dabalee ibseera.
“Qondaaltonni Ameerikaa lamaan meeshaan waraanaa dabaluun kun aangawoonni Iraan mormitoota irratti jeequmsa dabalataa akka hin geessisne duubatti deebisuu fi haleellaa kamiyyuu Iraan irratti raawwachuuf karoorfachuu keessatti Obbo Tiraamp filannoo dabalataa kennuuf kan akeekedha jedhan,” jedha Niwu Yoork Taayims.
Iraan keessatti torbanootaaf mormiin farra mootummaa gurguddaan itti geggeeffamaa ture. Hoggansi Iraan mormii kana irratti tarkaanfii fudhachaa kan jiru yoo ta’u, torbee tokkoo oliif interneetii cufuu gareewwan mirga namoomaa beeksisaniiru. Taateewwan kanneeniin namootni kumaatamaan lakkaa’aman kan du’an yoo ta’u, lakkoofsi namootaa sirriin ammallee hin beekamne.
Traamp irra deddeebiin mormitoota irratti tarkaanfiin lubbuu namaa galaafatu yoo itti fufe tarkaanfii waraanaa fudhachuu akka danda’u doorsisaniiru.


