ONM-ABO Amajjii 17, 2026
Godina Baha Wallaggaa aanaa Galiilaa ganda 01 keessatti gaafa Amajjii 13, 2026 waraanni faashistii Bilxiginnaa, maqaa ilma keetu bosona jira jedhuun haadha ilmaan 8 kan taate nama maqaan ishee Aadde Baqqaluu Abbabaa jedhamtu qabuun mana hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni himan.
Bifuma wal fakkaatuun gaafa Amajjii 14, 2026 aanichuma ganda Waarsuu bakka addaa Boolee jedhamu keessaas abbaa ijoollee 8 kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Taganyee Gurmeessaa jedhamu akkuma amala isaanii maqaa ilma keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun mana hidhaatti darbachuun darara jiraachuunis ibsameera.
Murni Bilxiginnaa tarsiimoo uummata Oromoo balleessuuf maqaa dabaa fi shira siyaasaa qabu itti maxxansuun erga maqaa isaanii yakkee booda tarkaanfii yakka waraanaa fi gochawwan farra namoomaa hedduu irratti raawwachaa jiraachuun ni beekama.




