• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Walloo Aanaa Baateetti hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin dargaggoon fuudhaaf ka’e guyyaan cidha isaa dhiyaate hidhaatti darbachuun reebaa jiraachuun ifoome  

Jan 17, 2026

ONM-ABO Amajjii 17, 2026 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baateetti lukkeeleen murna nama nyaataa PP maqaa sakattaa WBO fi eegumsa naannoo jedhu da’oo godhachuun baay’inaan baadiyaa onichaa cufa keessa qubsiifamanii jiran, gaafa Amajjii 14, 2026 ganda Qurquraa irraa dargaggoo fuudhaaf ka’ee guyyaan cidha isaa ga’e badii malee mana hidhaatti darbachuu jiraattotni onichaa ONM’f gabaasaniiru. 

Dargaggoon guyyaa cidha isaa dhiyaateen ganda Qurquraa irraa badii tokko malee gara jabeeyyii Bilxiginnaan reebamaa hidhaatti darbatame kunis Sayyoo Alii kan jedhamu oggaa ta’u, innis bultii ijaarrachuuf guyyaan cidha isaa torbee tokkorraa hir’atee guyyootni  muraasni hafee wayita inni fuudhaaf qopha’aa jirutti, shiftoonni murna abbaa irree kun ammoo yakka inni dalage osoo itti hin himin callisanii mana isaaniitti marsuun dargaggoo kana reebaa ukkaamsanii magaalaa Baateetti hidhuu maddeen onichaa dubbisne ifoomsaniiru. 

Akka jiraattotni gandichaa jedhanitti, dargaggoon kun nama nagaa hojii qonnaa maatii isaa gargaaruun jiraatu, kan siyaasa qaama kamiiyyuu keessaa qooda hin qabne, hawaasa isaa biratti ammoo kabajaa fi jaallatamummaa guddaa kan qabu ta’uu himuun, gareen of ta’anii jiraachuu ilmaan Oromoo arguu hin barbaanne loltootni sirnichaa badii seeraa tokko malee dargaggoo kana hidhuun isaanii gammachuu dargaggoo kanaa fi maatii isaa gara gaddaatti jijjiiruuf kan raawwatameedha jechuun dubbataniiru.

Leave a Reply