• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaalee garaagaraa keessatti ergamtootni Bilxiginnaa maqaalee garaa-garaa dawoo godhachuun qabeenya hawaasaa saamaa jiraachuun ifoome

Jan 18, 2026

ONM-ABO Amajjii 18, 2026 

Impaayera kufaatiin kallattii hundaan isa mudate Itoophiyaa kufaatii irraa baraaruuf hawaasa dararaa kan oolan loltootni Bilxiginnaa godina Arsii Bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa gandoota garaagaraa keessatti maqaa gibiraa fi kaffaltii maqaan isaa hin beekamneen hawaasa irraa qarshii guuraa kan jiran yoo ta’u, torbee darbe irraa kaasee hanga gabaasni kun qindaa’etti ganda Arbaa Caffaa jedhamu keessaa midhaan 50kg fi kaffaltii waliin isaa hin beekamne qarshii 8800 guuruun hawaasa dararaa turuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsaniiru. 

Haaluma wal fakkaatuun godinichuma aanaa Dodotaa ganda Teeroo Dasitaa jedhamu keessatti Amajjii 13, 2026 irraa eegalee hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’uutti gatii gibiraa osoo hin dabalatin qarshii 7500 hawaasa irraa guuraa turuu fi namoota impaayerichaaf ijaa fi gurra ta’anii hawaasa dararaa jiraniif xaafii 3kg fi boqolloo 5kg hawaasa irraa guuraa turuu jiraattonni bal’inaan ibsaniiru. 

Akka jiraattonni jedhanitti namoonni isaan midhaan kana kennuufiif nu irraa guuraa jiran kunneen namoota qaamni isaanii fayyaa guutuu qabu fi kan osoo lafas qabanii qotachuu dhiisanii ganamaa fi galgala waraana wajjin deemuun nu darararsiisaa turaniidha jechuun miira aariin yaada isaanii dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsan.

Leave a Reply