ONM-ABO Amajjii 19, 2026
Godina Lixa Harargee aanaa Gumbii Bordoddee, araddaa Sabbaaqaa keessatti gochawwan dabaa uummata nagaa irratti raawwatamaa jiraachuun lukkeeleen Bilxiginnaa sababa “eegumsa halkanii baatanii naannoo eeguu qabdu” jedhuun hawaasa nagaa hiraarsaa jiraachun ifoomeera.
Haala kanaan, gaafa Amajjii 13, 2026, namni maqaan isaa Diinoo Alii jedhamu, “waardiyaa ba’uun dirqama” jechuun, erga reebicha hamaa irraan ga’aniin booda guyyaa lamaaf hidhamuu isaa jiraattonni himaniiru. Achii booda, qarshii 500 harkaa fudhachuun gad-lakkifamuu isaa dabaluun ibsaniiru.
Uummanni naannolee kanneen keessatti argamu, gochawwan akkanaa itti fufuun isaan yaaddessuu himaniiru.




