ONM-ABO Amajjii 19, 2026
Godina Walloo aanaa Baateetti, hidhattootni sirnichaa raayyaa ittisa impaayeerattii fi milishoota jechuun of waaman “Garfa” gara ganda Hiddii jedhamutti kaleessa Amajjii 18, 2026 ganama barii barraaqaan bobba’uun mana qonnaan bulaa fi abbaa maatii nama maqaan isaa Obbo Sayyoo Idirisuu jedhamuutti marsanii “harka kennadhu” ittiin jechuun badii tokko malee osoo inni mana isaa keessa jiruu dhukaasa irratti bananii boombiin illee osoo hin hafne itti darbachuun bifa suukanneessaa ta’een mana isaa keessatti isa ajjeesuu fi boombiin mana isaa gubanii barbadeessuu jiraattotni ONM’f eeran.
Qonnaan bulaan abbaa maatii gara jabeeyyii murna gabroomfataa PP’n bifa dubbachuuf namatti hin tolleen mana isaa keessattii fi fuula maatii isaa duratti ajjeefamee manni isaas gubate kun yakka dalage qabaatee osoo hin taane, sababni ajjeechaa isaa nama dhuunfaa Mohaammed Sayyidii jedhamuun baatiilee darban dura wal dhabuun namni isaan wal dhabe kun haaloo ba’achuuf jecha milishaa sirnichaatti kan dabalame oggaa ta’u, erga milishaa sirnichaa ta’ee ammoo wal dhibdee qonnaan bulaa kanaa waliin dura qaban sobee gara siyaasaatti geeffachuun loltoota Faashistii PP waliin ta’ee abbaa maatii kana yeroo dheeraaf adamsaaa turuun isaa ibsameera.
Amajjii 18, 2026 ganama wayita abbaa maatii kana ajjeesuuf deeman milishaan sirnichaa kun loltoota raayyaa ittisa impaayeerattii jedhamanii fi milishoota PP danuu qabachuun gara ganda Hiddiitti imalee, qonnaan bulaa kana mana isaa keessatti dhukaasa itti banuun lubbuu isaa galaafatanii mana isaas qabeenyaa keessa jiru cufa waliin gubuun barbadeessuun biraa deemuu maddeen gandichaa dubbisne ibsaniiru.
Murni cubbuu fi cubbamtootaa impaayeerattii geggeessaa jiru Bilxiginnaan namoota nama dhuunfaa irraan miidhaa ga’uun badii seeraa dalagan seeratti dhiyeessuu otoo qabuu, faallaa isaa namoota yakka dalagan, kan silaa seeraan gaafatamuu malan cufa hammachuun badii isaan dalaganiif akka gootummaa fi jabdummaatti dhaadessaa, deebi’ee beekamtii fi badhaasa laachuufiin gochaa badiisaa kana irratti akka jajjabaatanii fi gochichi babal’atuuf carraa kan uume mataa PP Koloneel Abiy Ahimed ta’uun ni beekama.


