• Fri. Apr 17th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraatti kaadiroota PP’n saamichi haalaan jabaatee jiraachuun beekame 

Feb 1, 2026

ONM-ABO Guraandhala 1, 2026 

Godina Lixa Wallaggaa, Aanaa Qilxuu Kaarraa, Bulchiinsa Magaalaa Agamsa Bal’aa jedhamutti, haalli nageenyaa fi jireenyi uummataa balaa hamaa keessa seenaa jira. Amajjii 23, 2026 irraa eegaluun, deggertoonni siyaasaa nam-tokkee Koloneel Abiy Ahimad jala jiran, gocha seera-dhabummaa fi saamicha qindaa’aa raawwachaa jiraachuun gabaafameera.

Akka jiraattonni ibsanitti, namoonni kunneen maqaa “deggersa miliishaa” jedhu fayyadamuun, tokko tokkoo mana hawaasaa irraa humnaan seenuun, gandoota cufa irraa buna kiiloogiraamii 20 fi boqolloo kiiloogiraamii 10 harkaa fuudhaa jiraachuu isaanii mirkaneessaniiru. Gocha kanaan, qabeenyi uummataa saamamaa jiraachuun qofa osoo hin taane, kabajni fi mirgi namoomaa cabsamaa jira.

Jiraattonni aanichaa akka jedhanitti, saamichi kun osoo fedhii dhuunfaa hin ta’in, sirna aangoo fi sodaa fayyadamuun kan geggeeffamaa jiruudha. Namoonni morman ykn gaaffii kaasanii dubbatan doorsisa, hidhaa seeraan alaa fi dararaa gara garaaf saaxilamaa jiru jedhaniiru.

Haala kanaan, maatiin hedduun madda jireenya isaanii waan dhabaniif rakkoo nyaataa, dinagdee fi jeequmsa hawaasummaa hamaa keessa galu sodaan jedhus uumamaa jira. Sababni isaas gochaan saamicha walitti fufinsaan geggeeffamaa waan jiruuf. Kana malees dargaggoonni, dubartoonni fi maanguddoonni addatti sodaa fi yaaddoo guddaa keessa jiraachaa dubbatu.

Uummanni bulchiinsa magaalaa Agamsa Bal’aa, Buukee Akkachee, Waandii Daallee fi Baabboo Buundii akkasumas jiraattonni naannolee ollaa jiran, gochi saamichaa fi cunqursaa akkanaa hatattamaan akka dhaabbatu kan jedhan ta’us qaamni isaan dhaga’u akka hin jirres dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading