ONM-ABO Guraandhala 1, 2026
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee magaalaa Baateetti kaabinoota, poolisoota sabaan Oromoo ta’anii fi poolisootni Amaara ta’an sabaan wal qooduun garee gareen gurmaa’uun walii isaaniif walirratti duulanii wal reebuu, hojii irraa wal ari’uu, wal doorsisuu fi walitti dhaadachuun mooraa isaanii keessatti jeequmsa hamaa uumaa jiraachuu odeessi miliqee moorichaa ba’e ibseera.
Akka odeessi nu ga’e ifoomsetti, magaalaa Baatee mooraa sirnichaa kana keessatti ilmaan habashootaa sadarkaa olii hanga gadiitti ol’aantummaa waan qabaniif kaabinootaa fi poolisoota sabaan Oromoo ta’an barjaa dharaa maqaa hidhata WBO qabdu jedhu itti maxxansuun reebu, hojii irraa isin ariina jechuun doorsisu, gaaffii mirgaa yoo isaan
gaafatanis ergama biroo qabdu jedhanii hiraarsu, maqaa sakattaa WBO’n ba’anii yoo WBO’n haleelamanis isintu odeessa laateefii WBO keessan nu rukuchiise, isinuu shakkamtoota waa’een keessan namaaf hin galu jechuun poolisoota sabaan Oromoo ta’an kana hiraarsaa jiraachuun isaanii barameera.
Mooricha keessatti poolisoonni sabaan Oromoo ta’an kun sadarkaa barnootaa ol’aanaa hanga barbaadan iyyuu yoo qabaatan sababa Oromoo ta’an qofaaf akka nama barnoota hin qabneetti ilaalamu, poolisoonni sabaan Amaara ta’an sadarkaa barnootaa gad-aanaa qaban ammoo ragaa barnoota sobaan hojii isaan hin madaalletu itti laatama kan jedhan keessa beektoonni, aanaa Baatee magaalaa Baatee kanatti poolisoonni PP kun walga’ii taa’aa jiraniin poolisoota sabaan Oromoo ta’an irratti dhiibbaa geessisuu fi kanneen keessaa ari’uuf akka qopha’aa jiranis barameera.
Kaabinootaa fi poolisoonni sabaan Oromoo ta’an kunis ol’aantummaa ilmaan habashootaa nurratti qabaniin bara dhufaa fi dabraa haala kanaan dararamuu irra hojicha dhiisneefii jiruu fi jireenya dhuunfaa keenyaa jiraanna jedhanii akka murteessan haalli isaan keessa jiran isaan taasisuu ibsaniiru.






