• Tue. Nov 24th, 2026

Buufatni xiyyaaraa idil-addunyaa Kaartuum waggoota lamaa oliif balalii daldalaa beellamame isa jalqabaa argateera

Feb 2, 2026

ONM-ABO Guraandhala 2, 2026 

Balaliin Daandii Qilleensaa Sudaan kun Dilbata kaleessaa magaalaa Galaana Diimaa Poort Sudaan irraa gara Kaartuum imaluun imaltoota kudhanootaan lakkaa’aman fe’ee ture.

Naannoo daandii balaliin kun itti bu’e irraa gabaasa kan dhiyeesse gaazexeessaan, Al Jazeera Xaaher Almardi dhufaatii xiyyaarichaa hordofee mul’atawwan gammachuu ibseera.

Buufatni xiyyaaraa kun deebi’ee banamuun isaa magaalaa guddoo biyyattii naannolee Sudaan biroo waliin wal qunnamsiisuuf kan gargaaru ta’uu kan hime yoo ta’u, amma dhaabbatichi guyyaatti balalii hanga afur simachuuf qophii ta’uu ibseera.

Daandiin Qilleensaa Sudaan ibsa kenneen, Sanbata darbe gatiin tikkeettii Doolaara 50 irraa eegaluun ifoome kun “hafuurri deebi’uu fi walitti dhufeenyi i sabaa gidduu jiru itti fufuu kan calaqqisiisudha” jedheera.

Waraanni Sudaan magaalaa guddoo kana morkataa isaa garee waraanaa gartokkee humna deggarsa ariifataa (RSF) irraa guutummaatti to’achuu isaa Amajjii bara darbe beeksiseera.

Ji’a darbe aanga’oonni Sudaan waraana waliin hidhata qaban magaalaa guddoo isaanii yeroo waraanaa Poort Sudaan irraa gara Kaartuumitti deebisaniiru.

Leave a Reply