ONM-ABO Guraandhala 2, 2026
Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti murni Bilxiginnaa abbootii warraa 1000 ol qe’ee irraa buqqaasuun rakkoo garaagaraaf saaxilamuu isaanii buqqaatonni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.
Aanaa Boosat gandoota Nuuraa Heeraa fi Qaawwaa Hara Mirqasaa bakka addaa Gobaajoo, Hulluuqqoo, Goda Garbaa fi kanneen biroo irraa guyyaa har’aa Gurraandhala 1, 2026 ganama irraa jalqabuun uummanni buqqaafamaa akka jiran keessa beektonni eeruun, buqqaatonni kunis rakkoolee garaagaraaf saaxilamuu isaanii ni himu.
Buqqaatonni kun lafa isaanii irratti hojii qonnaa fi horii horsiisuun akka jiraachaa turan himanii, irra deddeebiin murni Bilxiginnaa sababa tokko malee hidhattoota nutti bobbaasuun nageenya keenya jeeqaa kan ture amma immoo akka nuti lafa keenya hojjennee irra jiraannu irraa dirqamaan buqqaanu nu taasisan jechuun jiraataan ganda Qaawwaa Hara Mirqasaa maqaa isaa himuu hin feene ONMtti himeera.
Sababa uummanni nagaan kun buqqaa’aniif maali jechuun gaaffii ONM gaafateef, osoo nuti siyaasa kam keessatti hin hirmaatin WBO nyaachistanii nu lolchiisaa jirtu nuun jechuun hidhattoonni PP fi kaabinoonni gandichaa kanneen akka Huseen Faqoo waliin ta’uun gocha kana irratti raawwachuun dubbatu.
Dhugaan jirtu garuu jedhan, hariiroo addaa WBO waliin akka hin qabne himuun, murni Bilxiginnaa PP’n kana osoo beekanii jireenya gadadoo kanneen akka mana dhabuu, beelaa fi dheebuun rakkachuu, qorraa fi aduun rukutamuu isaanii eeruun, wabii tokko malee waan buqqaafamneef jireenya keenya fuulduraaf yaaddoo guddaa keessa jirra jechuun buqqaatonni kun garee maafiyaa Bilxiginnaa himataniiru.





