• Fri. Nov 20th, 2026

Godina Baha Shaggar aanaa Boosat gandoota garaagaraatti hidhattoonni Bilxiginnaa horii uummataa saamanii nyaachuu fi mana jiraattotaa gubuu jabeessanii itti fufan

Feb 3, 2026

ONM-ABO Guraandhala 3, 2026 

Baha Shaggar aanaa Boosat gandoota garaagaraa keessatti hidhattoonni Bilxiginnaa horii uummata nagaa saamuun qalanii nyaachuu fi mana jireenya namoota nagaa gubuu jabeessanii akka itti fufan jiraattonni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.

Hidhattoonni Bilxiginnaa naamusa dhabeeyyii fi sirna dhablummaa barsiifamuun maqaa sakattaa WBOtiin gandoota garaagaraa kanneen akka: 

  • Qaawwaa Hara Mirqasaa, 
  • Nuuraa Heeraa, 
  • Gujaa fi Qacaacullee, 
  • Boottii Xiyyoo, 
  • Siifaa Battee, 
  • Araarsoo Beeroo, 
  • Boosee Dachee, 
  • Rukeecha Boqoree fi 

kanneen biroo hafan keessa hoomaan hidhattoota badii kanaa bobba’uun uummata nagaa halkanii fi guyyaa itti duuluun nageenya isaanii booressaa akka jiran jiraattonni eeruun, sababa kanaan miidhaan garaagaraa irratti raawwatamaa akka jirus dubbatu.

Haaluma kanaan ganda Qaawwaa Hara Mirqasaa bakka addaa Garbii jedhamutti horii namoota nagaa siyaasa irraa walaba ta’an maqaan isaanii Obbo Jiroo Hajirabbuu Jiraa jalaa fudhachuun re’ee lama yoo qalatan, ganda boosee dachee bakka addaa Inquuftuutti immoo maanguddoo tokko jalaa re’oota sadii tiksee ari’anii saamuun qalatanii akka nyaatan eeruun, uummata gandichaas kanneen bakka addaa Waaccuu,Garrii, Barruu fi kanneen biroo qabeenya isaanii irratti doorsisuun dhokatanii harka duwwaa akka godaanan taasisaa jiraachuus jiraattonni eeraniiru.

Ittuma fufuun aanaadhuma kanai ganda Siifaa Battee bakka addaa Battee jedhamutti mana uummata nagaa siyaasa keessaa hin qabne maqaan isaa: 

  1. Obbo Muttaaroo Obsee jalaa mana lama qabeenya waliin barbadeessuun, 
  2. Obbo Kadiiroo Garisoo jalaa immoo re’ee lama qalatanii akka nyaatan 

keessa beektonni himuun gocha kana kan raawwatee raawwachiisaa jiru dhaabbata Happeer Awaash kan ilmaan Oromoo buqqisuun hidhattoota hedduu qubachiisee fi addatti immoo jala deemaa gabroomfataa waggaa hedduu kan ta’e milishaa maqaan isaa Mahaammad Dhugoo akka ta’e  ifoomsaniiru.

Leave a Reply