• Thu. Nov 26th, 2026

Kaabinoonni Bilxiginnaa godina Lixaa Harargee aanaa Ciroo keessatti hawaasa nagaa dirqamsiisuun mana dhuunfaa isaanii ijaarsifachaa jiraachuun himame

Feb 3, 2026

ONM-ABO Guraandhala 3, 2026 

Dantaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf jecha afaan qawweetiin hawaasa meesha maleeyyii doorsisaa kan oolan kaabinoonni fi hidhattoonni faashistii Bilxiginnaa daba uummata Oromoo irratti hammeessanii itti fufuun, gaafa Amajji 26, 2026 godina Baha Harargee aanaa Ciroo araddaa Luugoo Baacessaa keessatti itti gaafatamaa dhimma nageenyaa kan ta’e kaabineen Bilxiginnaa maqaan isaa; Muummee Saanii jedhamu hawaasa nagaa dirqamsiisuun mana jireenyaa dhuunfaasaa ijaarsifachaa jiraachuu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti kaabineen PP kun miliishota sirnichaa waliin ta’uun manneen jiraattota irra deemuun dirqamsiisee qorqorroo fi muka ijaarsa manaaf barbaachisu mara erga walitti guursiseen booda, uummatichuma doorsisuun haga manni sun ijaaramee dhoobamutti isinumatu waan barbaachisu mara hojjeta jechuun dararaa jiraachuu dubbatu.

Kana malees namni kun dafqaan bultoota ijaaramuun hojii humnaa hojjetanii jiruuf jireenya dhuunfaa isaanii geggeeffatan illee doorsisuun, maallaqa isaan argatan naga’ee tokko malee walakkaatti irraa hirachaa kan jiru yoo ta’u, namni gocha diinummaa isaa kana mormee argame ammo hidhattoota maafiyaa sirnichaatiin reebicha humnaa olii irratti raawwatamuun hidhaatti kan darbatamu ta’us itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply