ONM-ABO Guraandhala 3, 2026
Kibba Oromiyaa godinaalee gara garaatti, humni waraanaa faashistii Bilxiginnaa (PP) dargaggoota Oromoo dirqamaan ukkaamsuu fi gara adda waraanaatti guuruu irratti bobba’ee jiraachuun jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka odeeffannoon jiraattota irraa argameetti, hidhaa, saamichaa fi ajjeechaa uummata Oromoo irratti raawwatamaa tureen alatti, muddama waraanaa kaabaa impaayeera Itoophiyaa irraa dhalateen, dargaggoon hedduun fedhii isaanii malee qabamanii halkaniin fe’amanii gara buufata waraanaatti geeffamaa jiru.
Haala kanaan, Amajjii 31, 2026 irraa kaasee, godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa gandoota:
- Roobii Magaadaa,
- Kalaaltuu Sawwaa,
- Kallacha Hachee,
- Qiddistee fi
- Muurtuu Xillisaa
akkasumas, aanaa Dugda Daawwaa gandoota:
- Cabbittii Magaadaa,
- Geledee,
- Dogoo Dhuqqisaa,
- Dooyaa, fi
- Meeddanoo
keessatti dargaggoon hedduun humnaan ukkaamfamanii akka jiran eerameera.
Kana malees, godina Booranaa Aanaalee:
- Dilloon,
- Meeggaa,
- Eelwayyee,
- Taltallee
keessatti dargaggoonni baay’een dirqamaan qabamanii, halkaniin fe’amuun leenjii waraanumaa lubbuu isaanii dhabanii barcuma Abiy Ahimed tiksanitti geeffamaa jiraachuun barameera.
Akka jiraattonni dabalaniitti, dargaggoonni ukkaamfaman kun hedduun isaanii warra hojii humnaa hojjachuun ofii fi maatii isaanii jijjiiruuf jecha iddoo dhaloota isaaniirraa gara aanaa fi godinaatti imalan ta’uu himaniiiru.
️

