• Mon. May 25th, 2026

Barsiisonni kutaa magaalaa Buraayyuu hiriira mormii bahuuf turan qaamolee waraanaa PPn doorsifamuun irraa ugguramuun ibsame

Feb 4, 2026

ONM-ABO Guraandhala 4, 2026 

Barsiisonni kutaa magaalaa Buraayyuu muraasni, rakkoo qaal’ina jireenyaa fi hanqina mana jireenyaa isaan mudachaa jiru irratti yaada isaanii ibsuuf kaleessa Guraandhala 3, 2026 walitti qabamuuf yaaluun isaanii gabaafameera.

Akka barsiisotni ofii isaanii ibsanitti, walitti qabamni kun hiriira nagaa osoo hin taane, rakkoo jireenyaa isaan mudachaa jiru irratti walii galuu fi sagalee isaanii dhageessisuuf yaadame turuu dubbatu.

Barsiisaan tokko kan maqaan isaa akka hin ibsamne gaafate akkana jechuunis ibse. 

“Ajandaa siyaasaa homaatuu hin qabnu. Qaal’inni jireenyaa fi rakkoon mana jireenyaa nu dadhabsiiseera. Maatiin keenya bittinnaa’aa jira” jechuun kaayyoo hiriira sanaa kan ibse oggaa ta’u,  barsiisonni biroon immoo, waggoota afur dura Bilxiginnaan qarshii 30,000 nu kaffalchiisuun lafa nuuf kennuuf waadaa gale akka ture, garuu hanga ammaatti lafti sun akka hin kennamne ibseera.

“Qarshii kana liqii fudhannee kaffallee jirra. Amma immoo dhala liqii kaffaluun jireenya keenya rakkiseera,” jechuun barsiisaan biraa ibseera.

Walitti qabamni barsiisotaa kun kan geggeeffamuuf yaadame naannoo mana barumsaa Dirree Buraayyuu sadarkaa 2ffaa fi Dirree Sololiyaa akka ture barsiisonni ni himu.

Haa ta’u malee, walitti qabamni sun osoo hin gaggeeffamin dura, humni nageenyaa bakka sanatti argamuun akka hin raawwatamne taasifameera.

Gama mootummaa kutaa magaalaa Buraayyuu irraa, Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Obbo Tsaggaayee Amanaa, walitti qabamni kun akka gaaffii tajaajilaa osoo hin taane, sochii gurmaa’inaa fakkaatu ibsuun akka gufachiises dubbatu.

Akka barsiisonni muraasni himanitti, Obbo Tsaggaayeen: walitti qabamni sun seera ala ta’uu isaa, qaamni biraa duuba akka jiru shakkii qabaachuu fi yeroo filannoo keessatti burjaajii hawaasaa uumuuf yaalii ta’uu danda’a jechuun nun barsiisota siyaasaa keessa hin jirre nyaannee buluu fi dirqama jiraachuuf bahaa turres waraana nurratti bobbaase jechuun komii qaban dubbatu.

Barsiisonni kunneen garuu gochaan Bilxiginnaa kun dhugaa keenya sarbuun ilaalcha biraatti nu hidhus, nuti garuu “gaaffiin keenya tokko qofa — jireenya keenya akka barsiisotaatti haala gaariin gara fuula duraatt itti fufsiisuu ulaagaa dandeenyuuf gaaffii gaaffachaa jiraachu malee tuttuqaa siyaasaa keessa hin jirru,” jedhu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading