• Thu. Sep 3rd, 2026

Godina Harargee Bahaa Aanaa Gooroo Guutuutti ergamtoonni faashistii Bilxiginnaa ilmaan Oromoo naannoo Soomaalee irraa buqqa’an irratti mana diigaa jiraachuun himame

Feb 5, 2026

ONM-ABO Guraandhala 5, 2026 

Godina Harargee Bahaa Aanaa Gooroo Guutuu magaalaa Kaarra Miillee keessatti ergamtoonni impaayera Itoophiyaatti umrii dheeressuuf wirriiqqatan gaafa Amajjii 29, 2026 halkan toora sa’aatii 3:00 ilmaan Oromoo duraan naannoo Soomaalee irraa buqqa’anii magaalicha qubatan irratti mana diigaa turuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Jiraattonni manni irratti diigamee fi jalaa caccabe kunneen shiraa fi bu’aa siyaasaa murna Bilxiginnaan bixxilameen qabeenya isaanii irraa kan buqqa’an yoo ta’u, magaalaa Kaarra Miillee keessatti erga gargaarsa hawaasaan qubsiifamanii booda immoo magaalicha irraa akka ka’aniif tiksitoota sirnichaan doorsifamaa jiraachuun ifoomee jira.

Deggarsa karaa qaamolee adda addaa isaaniif godhamus erga waggaa sadiitii as osoo waan tokko hin argatiin rakkachaa kan turan yoo ta’u, mana isaanii irratti diiguun jaleewwan Bilxiginnaa yaaddoo hamaa fi abdii kutannaa keessa isaan galchee jiraachuun baramee jira.

Kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti ilmaan Oromoo shira mootummaan gabroomfataa PP dalageen qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’anii magaalotaa fi baadiyyaa keessa qubatan gargaarsa dhabuun jireenya harkaa gara afaanii illee jiraachuuf rakkataa jiraachuun kan beekamudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading