ONM-ABO Guraandhala 5, 2026
Shaggar Siitii kutaa magaalaa Boolee Bulbulaa keessatti Amajjii 31, 2026 yakka tokko malee maqaa dharaa “Waraana Bilisummaa Oromoo bosonatti tumsitu”jedhuun waraana murna gabroomfataa PP’n dargaggoonni egeree abdii biyyaa ta’an hedduun jumlaan qabamanii mana dararaa sirnichaatti hiraarfamaa akka jiran himu jiraattonni magaalicha irraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise ibsan.
Akka jiraattonni jedhanitti dargaggoonni kunneen baay’inaan 32 ol akka ta’an himuun, gariin mana dararaa sirnichaa keessa jiraatanis irra jireessi isaanii garuu bakka isaan jiran hin baramiin akka jiruu fi faana dargaggoota kanneenii balleessaniiru, maatiin iyyaafatanis hanga hammaatti bakka isaan geessan hin bariin jiru jechuun dabaluun dubbatu.
Akka impaayera Itoophiyaatti hawaasni nagaan oolee buluuf yaaddoo hamaa keessaa galee kan jiru yoo ta’u, lafa yaada isaa dhaqee galuuf rakkoon garaagaraa karaa waraana sirna Bilxiginnaan irratti rawwaatamuun wal qabatee yaaddoo daran hamaa ta’e keessa jiraachuu jiraattonni yaada isaanii ONM’f qoodan addeessanii jiru.
Murni dabni fi hammeenyummaan keessatti dagaage Bilxiginnaan, maqaa guddina biyyaatiin uummata sobaa, nagaa eegsifna maqaa jedhuunis nagaa uummataa booressaa jira. Dargaggoota maqaa garaagaraa itti maxxansuun dhiibee dirree barnootaan ala gochuu, qeerroo fi qarree lafee dugdaa Oromoo ta’an irratti addatti xiyyeeffachuun sabicha dadhabsiisuuf jecha naasuu tokko malee kallattiinis ta’u al-kallattiin rakkoo hamaaf saaxilaa jiraachuu jiraattonni ittuma fufuun ifoomsaniiru.
Afaan qawweetti dhimma ba’uun dargaggoota Oromoo ukkamsisaa kan jiru mataan gabroomfataa koloneel Abiy Ahimed, ga’e osoo hin jinne shiftoota summii hammeenyummaa itti biifee Oromiyaa keessa bobbaaseen har’as ilmaan Oromoo hidhamaa, reebamaa, jumlaan ukkaamfamaa fi ajjeefamaa jiraachuun isaanii dhugaa tasa hin haalamnedha.





