• Fri. Mar 13th, 2026

Aayoon Hizboollaan Iraaniif jecha mootummaan Libaanos gara ‘kufaatiitti’ akka deemuuf hojjechaa jira jechuun himate

Mar 10, 2026

ONM-ABO Bitootessa 10, 2026 

Pirezidaantiin Libaanos Jooseef Aayoon Wiixata kaleessaa Hizboollaan dantaa Iraaniif jecha gara “kufaatii” mootummaa Libaanositti hojjechaa jira jechuun himate. Kunis erga milishaan Teehraaniin deggaramu Israa’el irratti haleellaa banuun waraana haaraa Libaanos keessatti jalqabe torban tokko booda.

“Eenyullee misaa’eloota sana furguggise kufaatii mootummaa Libaanos fiduu barbaade, weeraraa fi jeequmsa keessa galchuu barbaade… kun hundi shallaggii sirna Iraaniif jecha,” jechuun Aayoon walgahii toora interneetii irratti qondaaltota olaanoo Awurooppaatti dubbatan.

Aayoon Hizboollaa “garee hidhatee mootummaan ala jiru, kan dantaa Libaanos ykn lubbuu ummata isheetiif gatii hin kennine” jechuun ibsanii, waraana kana dhaabuuf Israa’el waliin “marii kallattiin eegumsa idil-addunyaa jalatti” akka taasifamu gaafateera.

Wiixata kaleessaa Hizboollaan Moshtaba Kaameenii hogganaa olaanaa haaraa Iraan ta’uun filatamuu isaa simachuun, erga hogganaan isaa duraanii fi abbaan isaa Ali Kaameenii haleellaa Ameerikaa fi Israa’el irratti ajjeefamanii booda amanamummaa akka qabaatan waadaa galaniiru.

Israa’el  kaleessaa waraanni ishee garee hidhatee Iraan deggaramu waliin lola haaromfame irratti hogganaa kutaa Naasr Hizboollaa kan kutaa kibba Libaanos keessatti socho’u ajjeesuu ishee beeksiste.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ammoo, miseensonni garee kubbaa miilaa dubartootaa biyyoolessaa Iraan shan yoo gara biyya isaaniitti deebi’an adabamuu danda’u sodaa jedhu keessatti “kunuunfamuu isaanii” I muummichi ministeera Awuustraaliyaa Albaanez itti himuu waltajjii hawaasaa isaanii Truth Social irratti barreessaniiru..

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading