• Sun. Mar 15th, 2026

Eegdonni Warraaqsa Iraan ‘xumura waraanaa ni murteessina’ jedhan

Mar 10, 2026

ONM-ABO Bitootessa 10, 2026 

Eegdonni Warraaqsa Iraan Baha Giddu Galeessaa keessatti ”xumura waraanaa kana akka murteessan” kan himan erga Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp walitti bu’iinsi kun yeroo dhiyootti xumuramuu akka danda’u tilmaamanii booda.

Eegdonni ibsa Kibxata har’aa kennaniin, ”Xumura waraanichaa kan murteessu nuhi” jedhan.

“Walqixxummaa fi sadarkaan gara fuula duraa naannichaa amma humna waraanaa keenya harka jira; humnoonni Ameerikaa waraana kana hin xumuran,” jechuun ibsi kun dabalee ibseera.

Dubbiin kun kan dubbatame yaada Tiraamp waraanni Baha Giddu Galeessaa yeroo dhiyootti xumuramuu akka danda’u yaada dhiyeessan hordofeeti.

Ibsa addaa miidiyaaleen mootummaa Iraan caqaseen, Koreen Eegdota Warraaqsaa (IRGC) haleellaan Ameerikaa fi Israa’el yoo itti fufe Teehraan boba’aan naannicha irraa akka hin ergamne akeekkachiiseera.

Iraan haleellaan biyyattii irratti raawwatamu yoo itti fufe ”boba’aan liitira tokko”  biyya alaatti akka ergamu hin hayyamtu jedhan dubbi himaan IRGC.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading