• Thu. Nov 26th, 2026

Aanaa Jalduutti dargaggoota dirqiin mooraa waraanaatti erguun jabaachuun ibsame 

Mar 29, 2026

ONM-ABO Bitootessa 29, 2026 

Godina Lixa Shaggar Aanaa Jalduu keessatti haalli nageenyaa yeroo ammaa daran yaaddessaa ta’uun humnoonni waraanaa murna faashistii PP namoota nagaa fedhii isaanii malee dirqiin walitti qabanii gara buufata waraanaa naannoo “mooraa Kooluu” jedhamutti walitti qabaa jiraachuu jiraattonni dubbatu 

Namoonni qabaman kunneen achumaan  gara leenjii waraanummaatti hirmaachuuf ergamaa jiru. Kana jechuun, dargaggoonni fi namoonni hojii dhuunfaa qaban fedhii isaanii malee waraanatti akka dabalaman dirqisiifamaa jiraachuun dabaluun dubbatu.

Uummanni naannichaa sodaa kanaan walqabatee jireenya isaa idilee gaggeessuu dadhabaa jira. Namoonni hedduun magaalaatti baqachuun lubbuu isaanii oolchuuf yaalaa jiru; warri hafan immoo bakka hojii fi jireenya isaanii irraa buqqa’uun yaaddoo keessa galaniiru. Sochiin hawaasummaa fi dinagdee naannichaa akka malee gufachuun ifatti mul’achaa jira himu.

Dirqiin waraana keessatti hirmaachisuun miidhaa hedduu kan qabu yoo ta’u, isaan keessaa:

  • Mirga dhuunfaa fi bilisummaa namaa sarba. 
  • Lubbuu namootaa fedhii isaanii malee gara lolaa geeffamanii balaaf saaxila. 
  • Maatii isaanii keessatti gaddaa fi rakkoo hawaasummaa uuma. 

Dabalataan, kun walitti bu’iinsa babal’isuun nageenya naannoo daran hammeessa kan jedhu barruuwwan dhimmoota kana irratti barra’an adda addaati.

Leave a Reply