• Tue. Nov 24th, 2026

Israa’el haleellaa Gaazaatti raawwatteen daa’ima dabalatee lammiilee Falasxiinota 6 ajjeeste

Mar 29, 2026

ONM-ABO Bitootessa 29, 2026 

Israa’el haleellaa qilleensaa bakka poolisii kibba Gaazaa irratti xiyyeeffate irratti raawwatteen daa’ima tokko dabalatee lammiilee Falasxiin jaha ajjeestee, namoota hedduu madeessite.

Ogeeyyiin fayyaa akka jedhanitti, xiyyaaronni Israa’el buufataalee sakatta’iinsa poolisii lama Kibba Gaazaa Kaan Yuunis keessatti haleellaa raawwachuun, shamarree tokko dabalatee poolisoota sadii fi namoota nagaa sadii ajjeesuun, namoota afur ammoo madeessan.

Guyyaa kaleessaa guutummaa Gaazaa keessatti naannoo adda addaatti dhukaasa Israa’eliin irratti banameen obbolaa lama dabalatee lammiileen Falasxiin sadii ajjeefamaniiru, afur ammoo madaa’aniiru.

Humnoonni Israa’el Onkoloolessa 10 irraa eegalee guyyaa guyyaan dhukaasa dhaabuu bahe cabsuun hanga Bitootessa 18tti haleellaa raawwataniin lubbuun namoota 691 dabarsuu fi 1,876 madeessuu ragaan Ministeera Fayyaa Falasxiin ni mul’isa.

Israa’el Onkoloolessa bara 2023 Gaazaa irratti waraana banuun lammiilee Falasxiinota 72,000 ol ajjeestee, naannoo 172,000 madeessuun, bu’uuraalee misoomaa siiviilii naannoo sanaa gara dhibbeentaa 90 barbadeessiteetti.

Leave a Reply