• Fri. Apr 10th, 2026

Zelenskiin Siiriyaa keessatti al-Sharaa waliin tumsa nageenyaa irratti mari’ate

Apr 6, 2026

ONM-ABO Eebla 6, 2026 

Pirezidaantiin Yukireen Voldaaymer Zeleneskiin Dilbata kaleessaa gita isaanii Siiriyaa Ahmed al-Sharaa waliin marii taasisaniin nageenya guddisuuf akka hojjetan waadaa galaniir. Kunis Kiiv weerara waraana Iraan hordofuun ogummaa waraanaa ishee guutuu naannichaa keessatti guddisuuf yeroo barbaaddutti.

Zeleneskiin, daawwannaa biyyoota Baha Giddu Galeessaa itti fufuun, Yukireen wabii nyaataa naannichaaf gumaachuu akka barbaaddus dubbataniiru.

Torban darban keessa Zelenskiin biyyoota hedduu Baha Giddugaleessaa keessa jiran daawwachuun ogummaa Yukireen haleellaa diroonii fi misaa’elaa, kan waraana waggoota afuriif Raashiyaa waliin taasisan keessatti hojjetame ittisuu irratti dhiyeessee jira.

“Hawaasa keenyaaf nageenya dabalataa fi carraa misoomaa uumuuf waliin hojjechuuf walii galle,” jechuun Zeleneskiin Telegram irratti barreesse. “Muuxannoo waraanaa fi nageenyaa wal jijjiiruuf fedhiin guddaan jira” jedheera.

Zeleneskiin Yukireen akka oomishtuu midhaanii guddaatti dhiyeessituu nyaataa amanamaa ta’uu hogganaa Siiriyaa kanaaf kan hime yoo ta’u, hoggantoonni lamaan “carraa waloo wabii nyaataa guutuu naannichaa cimsuuf mari’ataniiru” jedhan.

Sanbata darbe Turkii keessatti Zeleneskiin prezidaantii Turkii Tayip Erdogan waliin tumsa nageenyaa irratti “tarkaanfiiwwan haaraa” irratti waliigaluu isaanii ibsuun, pirojektoota bu’uuraalee misoomaa gaazii waliinii fi misooma dirree gaazii irratti carraawwan irratti mari’ataniiru.

“Har’a Damaasqootti dippilomaasii Yukireen sochii guddaa qabu kan nageenya dhugaa fi tumsa dinagdee irratti xiyyeeffate itti fufna,” jechuun Zelenskiin erga dhufei booda X irratti barreesseera.

Kufaatii cimaa yeroo dheeraaf Siiriyaa Bashar al-Asad hordofuun dhuma bara darbee hariiroon dippilomaasii erga deebi’ee hundeeffamee booda imala hogganaa Yukireen gara Siiriyaa isa jalqabaati.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading