ONM-ABO Eebla 7, 2026
Murni akka dantaa isaa qofaaf tolutti hojjetu Bilxiginnaan afaan qawwee fayyadamuun namoota hedduu fedhii isaanii malee waardiyaa taasifachuun umrii dheereffachaa kan jiru, godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti jiraatoota ganda Gaaddisa Odaa ta’an gaafa Bitootessa 31, 2026 jumlaan magaalaa Ukkeetti qabanii gara leenjii waraanaatti geessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Qonnaan bultoota qe’eef qabeenya isaaniirraa ukkaamfamuun gara dirree waraanaatti geeffaman keessaa muraasni maqaan nu ga’e:
- Fandishee Hamaa,
- Ibsaa Laalee fi qonnaan bultoota biroo baay’inaan 4 ta’an waliin ukkaamsuu dubbatu.
Waraanni gabroomfataa PP ergamtoota isaa Oromiyaa keessa bobbaasee dirqamaan gara mooraa waraanaatti ilmaan haadha hiyyeessaa jumlaan guuruu, sanuu dhukkubsattoota, maanguddoota humna hin qabnes dabalatee daa’imman umriin isaanii waraanaaf hin geenye hedduu adda waraanaatti geessuun ficcisiisaa jiraachuun ni beekama.

