• Sat. Apr 11th, 2026

Magaalaa Shaashamannee fi Kuyyeeraa keessatti murni Bilxiginnaa manneen jirattotaa diiganii hawaasa hiraarsaa jiraachuun ifoome

Apr 7, 2026

ONM-ABO Eebla 7, 2026 

Kutaalee Oromiyaa bakkeewwan garaa-garaatti qabeenya hawaasaa mancaasuun uummata harka duwwaatti hambisaa kan jiran ergamtootni Bilxiginnaa, magaalaa Shaashamannee fi Kuyyaaraa keessatti maqaa misooma jedhuun manneen jiraattotaa diiguun hawaasni rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Jiraattota kana manneen isaanii irraa yeroo diiganitti iddoo qubannaa fi kaasaas kan hin kaffalleef yoo ta’u, uummanni naannoo biraa iddoo jiraatu hin qabne akka ta’u dhabuun bakkeetti hafee jiraachuu jiraattonni dabalataan ibsaniiru.

Diiggaan kun erga eegalee magaalaa Shaashamannee keessa kan tutture yoo ta’u, jiraattonni achi irraa buqqaa’an haala akkan rakkisaa keessa osoo jiranii dabalataan magaalota ollaa isheetti darbanii magaalaa Kuyyaaraa keessaas haala oo’aa ta’een diigaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading