ONM-ABO Eebla 9, 2026
Godina Lixa Shaggar, aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti xaa’oon murna PP irraa uummataaf qophaa’ee jiru kaadiroota murna Bilxiginnaatiin dhoksaan gurguramaa jiraachuun ibsamee jira. Rakkoon kun uummata naannichaa biratti mufii fi yaaddoo guddaa uumuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.
Akka jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dubbatanitti, yeroo uummanni xaa’oo argachuuf gara waajjira aanaatti deemu, humnoota murna PPn “xumuurameera” ykn “hin jiru” jechuun dhorkamaa jira. Haa ta’u malee, yeroo muraasa booda namoota aangoo fi quunnamtii qaban qofatti karaa dhokataa fi seeraan alaan gurguramaa jiraachuun ifa ta’aa jira.
Xaa’oon uummata tajaajiluuf qophaa’e gara faayidaa dhuunfaa kaadirootaatti jijjiiruun badii guddaa ta’uu kan ibsan jiraattonni, haalli kun amantaa uummanni garee faashistii PP irraa qabu daran laaffisuun, wal-qixxummaa fi haqaa dhabamsiisaa jiraachuu himu.
Dabalataanis, yeroo ammaatti uummanni qonnaaf qophii gochaa jiru keessatti xaa’oon dhabuun isaanii soda guddaa uumaa jira. Qonna bara kanaaf abdii kutachuun, rakkoo nyaataa fi jireenyaa fuulduraaf yaaddoo cimaa keessa galanii jiru.
Akka waliigalaatti, rakkoon xaa’oo kanaa furmaata hatattamaa akka barbaadu jiraattonni cimsanii gaafatanii jiru.
Haa ta’u malee mataan Bilxiginnaa waggaa lama dura qamadii nutti hin gurgurtanii xaa’oos hin gaafatinaa jechuun hanga rasaasaan dhukaasanii ajjeesuutti kan ga’an yoo ta’u, yeroo amma ammoo sababa daandiin Hormuuz lola Iraanii fi Ameerikaa waliin wal qabateen cufameef rakkoon xaa’oo nu mudachuu danda’a jechuun dursee sababeeffachuun isaa ni beekama.







