ONM-ABO Eebla 9, 2026
Maqaa nageenya uummataa eeguu jedhu da’oo taasifachuun, uummanni qe’ee fi qabeenya isaa irra nagaan akka hin jiraannee taasisaa kan jiran murni garaa isaaniif bitamuun ergamtoota diinaa ta’anii tajaajilan jaleewwan Bilxiginnaa, gaafa Ebla 5, 2026 godina Lixa Shaggar aanaa Liiban Jaawwii ganda Agalgobboo Basaallee jedhamu keessatti hawaasa nagaa hedduu sababoota garaa garaa itti maxxansuun hidhaatti guuraa turuu maddeen ONM’tti himan.
Haaluma kanaanis namoota guyyaa sana lukkeelee sirnichaan mana isaanii keessaa badii tokko malee qabaman keessaa:
- Aadde Faanos Zannabaa daa’ima waggaa 1 waliin sababa abbaa “warraakeetu hidhatee bosona jira” jedhuun kan qabamte yoo ta’u,
- Obbo Daggafaa Dajanuu
dabalatee namoonni maqaan isaanii ammaaf adda hin baane hedduunis sababa “deggartoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun hidhaatti darbatamuun hiraarfamaa jiraachuus maddeen ifoomsaniiru.
Aadde Faanos haadha hiyyeessaa rakkattee ijooleeshee guddifattuu fi hirmaannaa siyaasaa dhaaba kamiiyyuu akka hin qabne kan himan maddeen, Obbo Daggafaan ammoo kanaan dura sababuma ” WBO deeggartaa fi odesssa laattaaf” jedhuun badii tokko malee waggaa tokko guutuu waajjira poolisii aanichaatti hidhamaa turee dhiyeenya mana hidhaa irraa ba’uun gara mana isaatti wayita inni galu ammoo ammas irra deebiin qabanii hidhaatti darbachuu dubbatu.
Jiraata aanichaa biroo ONM’ dubbise akka jedhuttis sababa gara jabeeyyii ergamtoota Bilxiginnaa kanaan biyyuma abbaa keenyaa irra jiraachuu dadhabaa jirra jechuun, waraanni raayyaa ittisa impaayerattii shamarran keenya humnaan gudeeduu, qabeenya keenya saamuu fi mancaasuu akkasumas maqaa nuti hin qabne nutti maxxansuun dacheedhuma irratti dhalannee guddanne keessatti akka bineensaatti adamsee nu hidhuu fi nu ajjeesuu hojii idilee isaa taasifatee jiraachuu irraan ka’e, yeroo ammaa yakka tokko malee sababa Oromummaa keenya qofaaf jireenya gadadoo jiraachaa jirra jechuun dubbatee jira.
Kana malees aanicha keessatti maqaa “leenjii waraanummaa fi kaardii filannoo fudhachuu qabdu” jedhuun dararaan ergamtoota koloneel Abiy Ahimadiin nurra ga’aa jiru guyyaa guyyaan hammaachaa jiraachuu irraan kan ka’e yeroo ammaa akka itti hojii dhuunfaa keenyaa hojjetannuu dhabnee akka kuruphee bir’achaa jiraanna jechuu kan dubbatu jiraataan
kun, yeroo qaala’iinsi jireenyaa mataa nu yaabee jiru kanatti haala amma jiruun itti kan fufu yoo ta’e, waan nyaannee bulluyyuu dhabnee rakkoo ulfaataa kanaa olii keessatti kufuuf deemna jechuun yaaddoo qabu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.


