ONM-ABO Eebla 9, 2026
Godina Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa keessatti humni qilleensaa murna Bilxiginnaa diroonii fayyadamuun uummata nagaa namoota shan akka ajjeese jiraattonni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.
Murni Bilxiginnaa kan warraaqsa uummata Oromoo butuun gara aangoo siyaasaa impaayerattiitti ol ba’e, maqaa Oromoon daldalu uummatichuma dararaa daangaa hin qabne irratti raawwachaa siyaasa ittiin aangoo isaanii tursiifatan tiksitoota impaayerattii bobbaasuun lammiilee impaayerattii keessa jiraatan yakkoota garaagaraa irratti raawwachaa oolu.
Bifuma kanaan Humni Qilleensaa Bilxiginnaa godina Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Dagla galaa bakka addaa Jiddaa jedhamutti gaafa Ebla 7, 2026 sa’aatii 3:40 irratti diroonii biyyoota alaa irraa maallaqa hedduu itti dhangalaasuun bitan ergamtoota badiin uummata nagaa irratti darbachuun qabeenya kan barbadeessan yoo ta’u, marsaa duraa kana qaama namaa irra balaan akka hin geenye jiraattonni ni dubbatu. Ittuma fufuun halkanuma sana marsaa 2ffaaf sa’aatii 7:00 irratti haleellaa diroonii uummata nagaarratti taasisaniin qonnaan bultoota nagaa jireenya dhuunfaa isaanii kan jiraatan shan humna Qilleensaan ajjeefamuun barameera.
Murni baduuf deemu kun lola lafoon WBO dadhabee diroonii fi helikoptera garaagaraa kanneen akka L-39, mig-23,mi-24 akkasumas yeroo dhiyoo kana helikoptera qaamaan xiqqaa ta’e YK-130 oomisha Raashiyaa kan ta’e fayyadamuun godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti uummata fixaa jiru. Murni sammuun doome kun dhumiinsa ilmaan Oromoo irratti daran dabaluu fi jabeessuuf Letnaant Jeneraal Yilmaa Mardaasaa hogganaa humna Qilleensaa Bilxiginnaa ka ta’ee fi UAE’n kan oofamaa jiru, bu’uuraalee misoomaa ijaaruu dhiisuun gara Raashiyaa imaluun diroonii bitachuuf kadhachaa kan ture yoo ta’u, gara impaayerattiitti Kamisa darbe deebi’uus maddeen ifoomsaniiru.
Murni Bilxiginnaa kan qorqalbiin isaanii bololi’a aangoof jecha ilaalcha impaayerattiin kan sammuun isaanii doome, karaa siyaasaa rakkoolee wal xaxaa impaayerattii keessa jiru furuu dadhabuun lola xumura hin qabnetti WBO waliin seenuun dinagdee lammiilee impaayerattii mancaasuun gara qilee keessaa ba’uu hin dandeenyetti oofaa akka jiru mul’achaa jira.





