• Tue. Nov 24th, 2026

Aanaa Guutoo Giddaa keessatti miseensi loltuu farra riphee-lolaa tokko WBO’tti makamuun himame 

Jun 13, 2026

ONM-ABO Waxabajjii 13, 2026 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa irraa miseensi loltuu farra riphe-lolaa tokko gaafa Waxabajjii 11, 2026 WBO’tti harka kennatee jiraachuu hoggansi WBO bakkichaa beeksiseera. 

Waraanni Bilisummaa Oromoos simannaa ho’aa taasiseefii kan jiru yoo ta’u, innis simannaa isaaf taasifametti gammaduun, ilmaan Oromoo qawwee ormaa baatanii saba irraa dhalatan ittiin dararuurra, qawwee isaanii qabatanii WBO’tti harka kennatan dhaameera.

Miseensi loltuu farra riphe-lolaa kun oggaa WBO’tti harka kennachuu dhufu, qawwee AKM tokkoo fi hidhannoo guutuu tokko qabachuun galii mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoof taasisee jiira.

Waraanni faashistii Bilxiginnaa fedhii isaanii malee humnaan dirqamanii barcuma aangoo siyaasaa kolonel Abiy Ahimad tiksuuf Kutaalee Oromiyaa adda addaatti kan bobbaafaman yeroo gara yerootti miidhaa ulfaataa irra gahu mufachuun mooraa Bilxiginnaa gananii gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.

Leave a Reply