
🔗 Zoom Link:
https://us02web.zoom.us/j/88137764101?pwd=MDcrd2dYb3BxOHlJS2M3bnR3WVVXdz09
🆔 Webinar ID: 881 3776 4101
Passcode: 964483
Kabajamtoota miseensota fi hirmaattota hawaasa Oromoo biyya ambaa,
Marii Hawaasa Oromoo Biyya Ambaa Fulbaana 12, 2026 gaggeeffamu irratti yeroo keenya sirnaan fayyadamuun, hirmaattotaafis yaada isaanii bal’inaan dhiyeeffatan haala aanjessuuf;
Dhimmoonni ibsa barbaadan, qabxiileen irratti mari’achuun fardii ta’e, akkasumas afaanfajjii qulqulleessuu dandahan, gaaffilee, yaadaa fi qabxiilee marii irratti kaasuu barbaaddan hunda karaa teessoo armaan gadiitiin nuuf erguun marii sadarkaa isaa eeggate akka gaggeessinu waan nu gargaaruuf;
Gaaffilee dursitanii nuuf erguun mariin keenya sirnaan akka qindaa’u, yeroo akka qusannu, akkasumas hirmaattonni baay’een dubbachuu fi yaada isaanii dhiyeeffachuuf carraa akka argatan hiree waan kennuuf;
Gaaffilee fi qabxiilee marii irratti kaasuu barbaaddan dursitanii akka nuuf ergitan kabajaan isin gaafanna.
Teessoo gaaffii itti ergitan:
Hirmaannaa, tumsaafi yaada keessaniif galatoomaa.
Qindeessitoota Marii Hawaasa Oromoo Biyya Ambaa
