• Sun. Oct 1st, 2023

Waraanni bilisummaa oromoo koonyaa Horro Guduruu Jajjabee ji’oota darbaniif leenjii siyaasaa fi waraanaa kennaafii ture eebbisiise

Mar 2, 2022

Waraanni bilisummaa oromoo koonyaa Horro Guduruu Jajjabee ji’oota darbaniif leenjii siyaasaa fi waraanaa kennaafii ture eebbisiise.

(ONM-ABO Bitootessa 2, 2022)

Waraanni Bilisummaa Oromoo qabsoo riphe loltummaan baadiyaalee Oromiyaa dhuunfachuun gara handhuura Oromiyaatti imala eegale jabeessa jira. Qabsoo mirga abbaa biyyummaa fi qabsoo Oromiyaa walabaa ijaarrachuuf godhamu jabeessuun qeerroo kaleessaa, loltoota bilisummaa har’aa fi waraana biyya Oromiyaa boruu oomishaa jira.

Bitootessa 1,2022, konyaa Horroo Guduruutti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn kaadhimamaa leenjisaa ture eebisiisee jira.

Eebba kana irratti ajajaan WBO Zoonii Giddu galaa fi miseensi koree Hojii raawwachiistu ABO-WBO Jaal Sanyii Nagaasaa, itti aanaa Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galaa Jaal Jireenyaa Rabbumaa fi qondaaltootni sadarkaan jiran argamaniiru.

Eebba kana irratti Jaal Sanyiin ergaa dabarsaniin isinii fi dhaloonni har’aa hundi keenya imaanaa fi galfata jabaan waan nurra jiruuf nuti warra galfata nyaannu mitii, warra galmaan geenyuudha jedhan.

Gama biraatiin konyaa Horroo Guduruutti abbaan Buttaa fi abbaan moora leenjii kan ture Jaal Waaqoon marsaan kun marsaa Barii Bilisummaa akka jedhamu ibsuun isin warra saba kanaaf bariisisu akka ta’an eebbifamtootatti himaniiru.

ONM-ABO Bitootessa 2, 2022

Leave a Reply