Waraanni Mootummaa Barataa Kutaa 11 ffaa Kan tahee Namoomsaa Masgabuu Ajjeesun Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo odeeffate.
[SQ Bitootessa 3/2022]
Waraanni Mootummaa Barataa Namoomsa Masgabuu Dhibbisaa Kan jedhamu Lixa Oromiyaa Ona Gullisoo Araadda Wayyuu mannitti guyyaa Kaleessaa Bitootessa 2/2022 Rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Barataa Namoomsaan Mana Qophaa’ina Gullisoo barachaa Akka ture Hiriyaa Isa dhihoo Kan tahe Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof gabaase. Namni Maqaansa Akka hindhahaamne barbaadu Akka jedheetti Guyyaa Kaleessaa Namoomsaan Magaalaa Ayiraa jedhamuu gala Osoo jiruu Bakka Wareenyaa jedhamutti waraana Mootummaan ajjeefamu nuuf hime.
Sagaleen Qeerroo Bilisummaa Oromoo maatiifi Uummata Oromoo maraaf jajjabina Hawwa! Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO-WBO!
Bitootessa 3/2022! Finfinnee, Oromiyaa!