Godina Gujii Lixaatti tikni mootummaa tokko WBO harka bu’uun dirqama itti turee fi itti jiru hime.
(ONM-ABO Bitootessa 04,2022)
Teessoo Mootolii abbootii irree irra jireessaan kan tiksan tikootaa fi qaruuxota yoo ta’an keessattiyyuu ammoo mootolii impaayeera Itoophiyaaf wabii fi gaachana ta’uun yeroo bitaafii har’aan ga’uu keessatti shoora ol aanaa qabu.
Impaayeera Itoophiyaa kana keessa, keessattuu Oromiyaa keessaa, Qabsoo Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf mootummaan tikootaa fi qaruuxota hedduminaan leenjisee guyyuun bobbaasaa kan oolu yoo ta’u, galma yaadan hanqachuun qaruuxeen PP qaruuxee WBO harka bu’aa oolu. Bifuma kanaan Gujii lixaatti tikni mootummaa tokko harka WBO seenuun odeessa icciitii mana mootummaa ifoomseera.
Tikni mootummaa kun dursa leenjii waraanummaa naannoo Amaaraatti fudhachuun itti dabalee leenjii basaasummaa Awaash 40tti fudhachuun mootummaa tajaajilaa otoo jiruu WBOn qabame.
“Maqaan koo Zarihun Asaffaan jedhama jechuun kan Jalqaba leenjine naannoo Amaaraa, Birsheleqootti leenjine, ramaddii naannoo Tigiraay fudhannee hojjetaa turre.
Achirraa gara Wallaggaa nu geessuun otoo achi hojjennuu as gara Gujii Lixaa nu fidan. Gujii irra hojjetaa otoo jirruu carraan barnoota tikaa nama 60f dhufe.
Awaash 40tti leenjinee ammas ramadamuun anaan ammas gara Gujii Lixaatti nama lama waliin na ergani. Tokko Asgoriitti hafe, tokko ammoo ganda Rasiitti hafe, animmoo dhufeen harka keessan bu’e jechuun hogganoonni isaanii, durgoo isiniif kaffallaa deemaa odeessa fidaa kottaa jechuun akka dhufan dubbateera.
Tikni mootummaa harka WBO bu’e kun WBO basaasuuf namoonni biroon illee akkasuma bobbaafamanii kan jiran ta’uu ifoomseera.