• Mon. Mar 27th, 2023

Yuunversiitii Finfinnee keessatti Waraqaan Oromoo arraabsu facaafamuun walqabatee fincilli barattoota Oromoon dho’e

Mar 4, 2022

Yuunversiitii Finfinnee keessatti Waraqaan Oromoo arraabsu facaafamuun walqabatee fincilli barattoota Oromoon dho’e.

(bitootessa 4, 2022 ) galgala Yuunversiitii Finfinnee Kiiloo 6 fi damee Yuunversiitii Finfinnee kan Fayyaa Safara Salaam jedhamu keessatti waraqaan dhaadannoo Sabaa Oromoo arrabsu facaafamee bulee jira.

Sababa waraaqa kanaan walqabate barattoonni Oromoo Yuunversiitii Finfinnee Fincilaa kaasuun mormii dhageessisaa oolutu gabaafame. Dhaadannoo sabaa Oromoo arrabsu, maqaa xureessuu, fi xiqqeessu mooraa Yuunversiitichaa keessa facaafamee bulee kunneen 1,Oromummaan hamma jirutti harmeen Xoopiyaa hin jiraattu 2,Oromummaa fi Lelliftoota Oromummaa balleessinee xoopiyaa oolchina. 3,Finfinneen akkuma dur turtetti, kan ijoolleesheeti 4,Oromoon of qulqulleessuu barbaadus ,yoomuu kan hin qulqulloofne Gaalla harmee Miniliikidha. 5,Bulguufi leelliftoota Oromummaa faana yoomuu jiraachuun hin danda’amu 6,akkuma duraa biyya keenya kan jeeqaa jiru Oromoodha 7,Gaallaan durumaa Gaallaadha bittaan Oromoo nu ga’a . 8,Yaa Ijoollee Xoopiyaa dammaqaa fi kkf Kan jedhu tuffiifi jiibbiinsa Oromoo lallabu Yuunversiitii Finfinnee keessa facaafamuun mufii guddaa barattoota Oromoo Yuunversiitii Finfinnee barataanitti uumuun sagaleen keenya nuuf haa dhagaa’amu jechuun mormii dhageessisa oolan. .

Waraqaa Sabaa Oromoo arrabsu sana kan facaase warra Dhaaba Baaldaraas, Faannoo fi ijaarsa isaanii Yuunversiitii Finfinnee keessa jirun faca’ee jedhu keessa beektonni. Yuunversiitii Finfinnee keessa yeroo amma humni Poolisii Federaalaa guutuun haalli mooraa sana sodaachiisa ta’u odeeffanneerra.

Leave a Reply