• Mon. Mar 27th, 2023

Irree fi wabiin uummata Oromoo qeerransichi Waraana Bilisummaa Oromoo zooni giddu gala waraana faashisti watwaachisa jira

Mar 6, 2022

Irree fi wabiin uummata Oromoo qeerransichi Waraana Bilisummaa Oromoo zooni giddu gala waraana faashisti watwaachisa jira.

(ONM-ABO Bitootessa 6,2022)

Bitootessa 6, 2022 ganama saati 3:30-5:30 ti gootichi waraana Bilisummaa Oromoo zoonii Giddu Galeessaa lixa Shaggar Cibraan Laaftoo Seenaa Buttaan Dashee godina Shaggar Lixaa Aanaa Abunaa Gindabarat ganda Daannisaa bakka addaa Ulaa Burkii keessatti waraana impaayeera Itoophiyaa tiksuuf ergama uummata Oromoo dararuu baate deemu irratti tarkaanfii laalessa fudhate.

Aanaan Abunaa Gindabarat ganda magaala dabalatee gandoota 44 qabdu keessa gandootni 43 harka jajjabee Waraana Bilisummaa Oromoo harka jiru.

Gandi Daannisa gandoota magaala aanaa marsanii argaman keessaa tokko yoo ta’u bakki lolli kun itti lolame Ulaa Burkiin magaalaa aanaa, Bakkee Qalaaxee, irraa deemsa miilaa daqiiqa 10 olii miti.

Waraanni shiftaa PP kan “republican guards” ofiin jedhu ganama magaala aanaa irra sakattaaf qarqara magaalaatti yoo bahu jajjabeen Waraana Bilisummaa Oromoo rasaasa akka bokkaa itti roobse.

Lola godhame kanaan waraana PP battala lolaa lama rraa kan buqqise yoo tahu “republican guard” hedduu isaani du’aa fi madoon adabeera.

Kaabinee fi ergamtoonni PP magaalaa gadhiisuun kan baqatanii fi yeroo ammaa madoo fi reenfa konkolaata hedduun guuraa akka jirtu maddeen keenya gabaasaniiru. Injifannoo dabalataa jala buune hordofnee kan isin biraan geenyu ta’a.

Impaayeera Itoophiyaa uummatni Oromoo hanga har’aa keessatti arrabsamu afaan qawween diigne saba Oromoo fi Oromiyaa kabajamtuu ni ijaarra!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply