• Sat. Mar 25th, 2023

Waldaan Agartuu Oromoo Gaachana Saba Oromoo Waraana Bilisummaa Oromoo WBO’f Tumsa

Mar 12, 2022

Waldaan Agartuu Oromoo Gaachana Saba Oromoo Waraana Bilisummaa Oromoo WBO’f Tumsa Maallaaqa Qarshii Itiyoophiyaa Kuma dhibba tokkoo fi kuma kudha sadiif dhibba lamaaf qarshii jaatamii afur (Qr 113,264.00) gumaachan.

Waldaan Agartuu Oromoo Uummata Oromoo Biyyoota Liigii Arabaa: Saudi Arabiyaa, Kuweet, Duubaay, Masrii, Sudaaniifi Kkf keessa jiraataniin baatii Biltootessaa gafa 5 bara 2022 kan hundaa’e yeroo ta’u Kaayyoon Ijoon Hundeeffama isaas Burjaajiif saamicha maqaa deeggarsa WBO’n namoota dhuunfaa fi murnaa ijaaramaniin moona qabsoo Oromoo mudataa ture hambisuun Gaachana saba isaanii WBO dinagdeen tinnisuufi Oromoota biyyoota Liigii Arabaa, Sudaaniif Kaayiroo jiranis gara tokkotti fidu yeroo tahu,

Ⅰ) Oromiyaa siyaas dinagdeen utubuu. Ⅱ) Oromiyaan waraana dhuunfaa ishee fi daangaa mataa isheetii akka sararattuuf deggersa barbaachisu gochuu Ⅲ) Qeerroo, Qarree fi Uummanti Oromoo gaafatama abbaa biyyummaa akka fudhatan dhiibbaa gochuu Ⅳ) Aadaa fi duudhaan Oromoo osoo hin sharafamiin keessa hanga alaatti dagaagaa akka deemuuf deeggarsa gochuu fi Ⅴ) Qorannoolee addaa addaa dhimmota Aadaa, Duudhaa fi Siyaas Dinagdee Oromoo irratti gochuun Oromoof Oromiyaaf gumaacha qooda isaanii ba’achuu mul’ata godhatee kan hundaa’e dha.

Maarree Waldaan kun Tumsa Isaa marsaa Tokkoffaan Abdiif Gaachana Saba isaa Waraana Bilisummaa Oromoof Maallaqa Itiyoophiyaa Qarshii Kuma dhibba tokkoo fi kuma kudha sadiif dhibba lamaaf qarshii jaatamii afur (Qr 113,264.00) gumaacha kan godhe yeroo tahu haga bilisummaan Oromoo fi Walabummaan Oromiyaa mirkanaa’utti tumsa isaa kan itti fufu ta’uu beeksisee jira.

Maarree nutis qopheessitootni sagantaa Arraata biyyoolessa Oromiyaa maqaa kabajamaa Waraana Bilisummaa Oromoofi Uummata Oromoon galatni keessan bilisummaa haa tahu isaaniin jenna.

Leave a Reply