WBOn zoonii lixaa Lixa Wallaggaa ona Najjoo Keessatti Tarkaanfii fudhate.
(ONM-ABO Bitootessa 27, 2022)
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii lixaa Bitootessa 25, 2022 toora sa’a 10:00 irratti waraana sirna PP uummata Oromoo dararuuf bobbaate osoo isheen magaalaa Najjoo irraa gara Gabaa Kamisaatti deemaa jirtuu haxxee hidhuun rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun battalatti 8 ajjeesuun 9 madoo dandammii hin qabneen yoo adabu konkolaataa 3F tokko hojiin ala taasisee jira. Gama meeshaatiin qawwee AKM 2 irraa hiikuun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof taasisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!