• Wed. Sep 9th, 2026

WBO Zooni Kibbaa Konyaa Gujii Bahaa tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti kaleessa fudhateen injifannoo boonsaa galmeesse

Mar 30, 2022

WBO Zooni Kibbaa Konyaa Gujii Bahaa tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti kaleessa fudhateen injifannoo boonsaa galmeesse.

(ONM-ABO Bittotteessa 30/20221)

Abdii fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zooni Kibbaa Konyaa Gujii Bahaa Cibraa Soddom Boorootii fi Cibraan Odaa Adoola Aanaa Gooroo Doolaa ganda Adaadiitti waraana weerartuu PP kan ganda Adaadii deebiste qabachuuf dhufte irratti dhukaasa akka bakakkaa itti buusuun sa’a 9:00 irraa hanga sa’a 1:10tti tarkaanfii cimaa bakka addaa Qaraaruu jedhamutti fudhateen 19 battalatti ajjeesuun 11 madeessee meeshaalee gargaraa irraa booji’uun injifannoo cululuqaa galmeesseera.

Lola kanaan lukkee diinaa gugsee faffacaasuun magaalaa Nageellee Booranaatti galcheera. Madoon hospitaala magaalaa Nageellee seenan keessaa namni 9 madoo dandammii hin qabne yoo ta’uu, karaan ittiin riiferii geeffamanis dhabamee akka du’aaf karaarra jiran mirkanaa’eera!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading