• Thu. Mar 23rd, 2023

Waraanni sirna faashistii PP ilmaan Oromoo ja’a badii tokko malee godina Qellem Wallaggaa ona Sayyoo keessatti ajjeese

Mar 30, 2022

Waraanni sirna faashistii PP ilmaan Oromoo ja’a badii tokko malee godina Qellem Wallaggaa ona Sayyoo keessatti ajjeese.

(ONM-ABO Bitootessa 30,2022)

Waraanni PP uummata Oromop ajjeesuu qofaaf bobbaa’an godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyoo ganda Kusaayeetti kaleessa jechuun Bitooteessa 29/2022 ganda Alakuu Kusaayee keessatti mana sakatta’uun isintu Waraana Bilisummaa Oromoo mana keessa bulchee nu rukuchiise jechuun namoota nagaa ja’a manaa gadi fuudhanii rifaatuu tokko malee rasaasaan ajjeesan.

Namootni badii tokko malee ajjeefaman kun maqaan isaanii, Mitikkuun Raagaa Takkilee Faqadaa Gammadaa Toliinaa Lalisaa Takkilee Eebbisaa Dabalaa Nigisee Maammooti. Ajjeechaa sanyii duguggaa kana namoota afur iddoo tokkotti mana keessaa gadi fuudhanii jilbeenfachiisanii kan ajjeesan yoo ta’u Lalisaa Takkilee fi Gammadaa Toliinaa abbaan isaanii obbolaa ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Takkilee Faqadaa barataa mana namaa taa’ee baratuu yoo Mitikkuun Raagaa immoo soddaa keessummummaa Sambata darbe cidhi mana Sana waan tureef iddoo biraa irraa dhufeedha. Namoota lama haadhaa fi ilma aadde Nigisee Maammoo fi ilma isaanii Eebbisaa Dabalaa mucaa umurii 14 immoo Siree irratti ajjeesan. Namootni ajjeefaman kun kaleessuma kan awwaalamanii fi namoota sadii boolla tokkotti, haadhaa fi ilma immoo boolla tokkotti yoo awwaalan, mucaa isa keessummaa immoo reeffa isaa biyyatti galchanii jiru.

Waraanni sirna faashistii PP ajjeechaa sanyii duguggaa kana kan raawwate lola gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo waliin guyyaa sana gandicha keessatti raawwateen du’aa fi madoo konkolaataa 10 ol erga kaafatee lolli xumuramee WBOn naannicha erga uummataaf gadhiisee booda Waraanni faashistii koloneel Abiy ajjeechaa kana raawwachuu maddeen dabalanii ibsaniiru.

Leave a Reply