
(ONM-ABO Ebila 18,2022)
Garbummaa idda gadi fageeffate ilmaan Oromoo irraa buqqisuuf wareegama qaalii kafaluun dirree qabsoo irraa diina kuffisee kufaa kan jiru gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ilmaan Oromoo garbummaa hadheeffatanii jibban zooniilee waraanaa cufa keessatti fudhatee leenjii kennuufiin dirqama dabalataaf bobbaasaa jira. Haaluma kanaan WBOn zoonii Giddu Galeessaa lixa Shaggar keessatti Ebla 17,2022 kaadhimamtoota haaraa leenjii waraanummaa fi siyaasaa walitti fufiinsaan kennaafii ture bakka qondaaltootni WBO fi uummatni Oromoo bal’aan argamanitti sirna oo’aan eebbisee galaa imaanaa qabsaa’otaa hidhachiisuun bobbaasaniiru.
Sirna eebbaa kana irratti kan argaman qondaaltootni waraana bilisummaa Oromoo haasaa taasisaniin eebbifamtootan isin marsaa Oppireeshinii jedhamuun kan eebbifamtan yeroo itti duula hamaan uummata Oromoo fi waraana bilisummaa Oromoo balleessuuf karoorfatamee hojiitti galame waan ta’eef isin ammoo farra Oppireeshinichaa ta’uun karoora mootummaa weerartuu kanaa fashaleessuun uummata keessan irraa garbummaa fonqolchuuf dirqama dachaan akka baatan jechuun dhaamaniiru.
Eebbi wal fakkaataan Jimaata Ebla 15,2022 zoonii kibbaatti kan geggeeffame yoo ta’u fuuldurallee qeerroo fi qarree Oromoo hedduuminaan fudhachuun leenjii waraanummaa fi siyaasaa akka laatamuuf karoora jiru ibsaniiru.




