
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Gidduu Galeessaa ona Boosattittii fi Zoonii lixaa on Anfilloo keessatti waraana weerartuu PP adabuu beeksise.
ABO-ONM Ebila 20,2022
Haleellaa uummata naannoo Sidaamaatiin uummata Oromoo daangaa godina Arsii lixaa ona Kokossaa fi Nansaboo irratti raawwatu akkuma itti fufetti jira.
Ilmaan Oromoo waraanaa weerartuu Itoophiyaatiin guyyaa guyyaan yakka tokko malee ajjeefamuun akkuma itti fufetti jira.
Waraanni sirna PP ilmaan keessan Waraana Bilisummaa Oromoo keessaa galchaa jechuun godina lixa Shaggar keessatti uummata dararaa jiru.
Rakkoo Baajetaa Mudateen Barattoota Yuunivarsiitii Ambootti Nyaata hanqisuun Barattoonni okkora kaasan.
Godina Gujii lixaa ona Birbirsa Kojowaa keessatti bulchaan aanichaa waraana sirna PP waliin uummata ajjeesisaa jiraachuun saaxilame.
Godinaa Harargee Lixaa Aanaa Mii’eesso Magaalaa Asaboot irraa namoota sadii qabuun 2 achi buutee dhabamsuun tokko buufata poolisiitti hidhan.
Gidina kibba lixa shaggar aanaa ammayyaatti waraanni goolessituu Abiyyi ahimed Qeerroo tokko ajjeesan.
