• Thu. Apr 23rd, 2026

Irree fi Wabiin Uummata Oromoo jajjabeen Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galaa waraana PP daara godhe

Apr 21, 2022

Irree fi Wabiin Uummata Oromoo jajjabeen Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galaa waraana PP daara godhe.

(ONM-ABO Ebla 21,2022)

Waraanni goolessituu Koloneel Abiy Ahimed duula qindaa’aa fi bal’aa uummata Oromoo irratti labsee Waraanni Bilisummaa Oromoo akka dansaatti uummata irraa qolachaa jira.

Waraanni mootummaa godina Lixa Shaggar Aanaa Gindabaratii fi Abuunaa Gindabaratitti sochii kan eegalan Ebla 19,2022 yoo ta’u haga har’aatti lolli itti fufee jira.

Guyyaa har’a Ebla 21, 2022 Aanaa Gindabarat ganda Kaloo Badhaasa bakka addaa Leedii jedhamutti jajjabeen WBO buttaan Tulluu Leemat lola jabaa gaggeessa jira.

Ebla 20 fi 21, 2022 Aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Dogomaa Yagoot bakka addaa Hookkootti buttaan Riisaa Laga Mogar fi Tulluun Leemat lola gaggeessaniin waraana Faashistii PP rasaasaan akaawuun soora allaatti taasisaniiru. Lola kanaan hoogganaan waraana PP kan ajjeefame yoo ta’u waraanni faashistii PP dhibbootaan lakkaa’aman dhabama taa’aniiru.

Qondaala Waraana PP Lola kana keessatti ajjeefames Helekooptara waraanaan dhufanii kan fudhatan yoo ta’u reeffa waraana isaanii hanga gabaasni kun qindaa’etti akka hin kaafanne ibsameera.

Lola aanaalee Gindabaratii fi Abuunaa Gindabaratitti hanga guyyaa har’aatti gaggeeffame irratti injifannoo argame hordofnee kan isiniin geenyu ta’a.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading