• Wed. May 8th, 2024

Ilmaan Oromoo bakkoota garaagaraa irraa waraanni faashistii PP qabee hidhaanii ture gara magaalaa Bishooftuutti fiduun namoota 16 bakka tokkotti ajjeesan

Apr 30, 2022

Ilmaan Oromoo bakkoota garaagaraa irraa waraanni faashistii PP qabee hidhaanii ture gara magaalaa Bishooftuutti fiduun namoota 16 bakka tokkotti ajjeesan.

ONM – ABO – Ebla 30/2022

Mootummaan faashistii PP gochoota sukkanneessoo uummata Oromoo irratti raawwachuu amaleeffate namoota nagaa maqaa garaagaraa itti moggaasuun manneen hidhaa goleelee Oromiyaa adda addaa keessatti hidhaa ture gara Bulchiinsa magaalaa Bishooftuutti fiduun ajjeesan.

Hidhamtoota Oromoo yakka tokko malee Oromummaan sirni PP yakkee hidhe 16 erga magaalaa Bishooftuu fidanii halkan tokko bulchaniin booda Ebla 28,2022 lafa itti hidhanii baasuun qarqara magaalaa Bishooftuutti geessuun erga reebicha irraan ga’aniin booda jumlaan ajjeesanii gatan. Erga ajjeesaniin booda uffata irraa baasuun qullaa bakkeetti dhiisuun biraa kan deeman yoo ta’u hidhamtoota ajjeefaman kana keessatti shamarranis ni argamu.

Ajjeechaan hidhamtoota mana hidhaatii baasanii ajjeesuu kun Oromiyaa bakkoota garaagaraa keessatti kan itti fufe yoo ta’u namoota ajjeesan bakka itti jijjiiruun ajjeesuu tooftaa sirnichi itti fayyadamaa jiruu dha.

Namoonni ajjeefaman kun bakki irraa dhufan sirnaan kan hin beekamne yoo ta’u hanga ammaatti namootni lama tokko Wallisoo tokko ammoo lixa Harargee ta’uu namoonni itti dhiheenyaan hordofaa jiran himuun kanneen hafan lixa Oromiyaa Wallaggaa irraa akka dhufan ibsamaa jira.

Waraanni sirna faashistii PP kun duguugga sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwachuu itti fufuun torbee dhuma kana keessa kibba lixa Shaggar ona Ada’aa Bargaa keessatti namoota 40 ol saalfii tokko malee ajjeesuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading