• Tue. May 7th, 2024

Koongiressmaan Braad Sheermaan twitter isaanii irratti ibsanitti

Apr 30, 2022

Koongiressman Braad Sheermaan affeera ministeerri maallaqaa fi Ambaassaaddara Itoophiyaa Ameerikaatti kan ta’an taasisaniif kufaa godhan.

ONM – ABO – Ebla 30/2022

Akka miseensi konlongiresii Ameerikaa Koongiressmaan Braad Sheermaan fuula twitter isaanii irratti ibsanitti simannaa ministeera maallaqaa Itoophiyaa obbo Ahimed Shidee fi ambaasaaddara Itoophiyaa Ameerikaatti kan taa’an obbo Fitsuum Araggaa akka warreen biroo waliin Ebla 26, 2022 taasisaniif afeerraa godhameef kufaa taasisanii jiru.

Ibsa twitter isaanii irratti godhaniin ani ministeera mootummaa karra nyaati ittiin seenu cufee uummata beelessu waliin nyaata hin qooddadhu jechuun gocha mootummaan PP itti jiru haadheeffatanii dubbataniiru.

Mootummaan Itoophiyaa uummata beelessuu akla meeshaa waraanaatti itti fayyadamaa jira kan jedhan Mr. Sheermaan ibsa Ministeerri maallaqa Itoophiyaa obbo Ahimed Shidee gocha farra namoomaa mootummaan isaanii hojjechaa jiru haalanii ibsuuf yaalanis Mr. Sheeramaan garuu jijjiirama jiru itti fufanii akka hordofanii fi uummatni Ameerikaa tarsiimoo ittiim mootummaan PP uummata bal’aa agabse kan uummata kuma dhibbootaan lakkaa’aman ajjeesee fi ajjeesuuf jiru kana xiyyeeffannoo hordofuu qaba jedhuun himaniiru.

Mootummaan impaayeera Itoophiyaa garuu jila Ahimed Shideen Ameerikaan akka isaan deggertuu maallaqaanii fi hariiroo cimsuuf deemame akka milkoomina argateetti miidiyaa isaan haa ololu malee Ameerikaatti mootummaa uummata isaa nyaatu ta’uun beektotni, qondaaltootnii fi namootni bebbeekamoon dhaangaa waliin qooddachuu diduun jila mootummichaa achi turee hanga masaraa Araat Kiilootti naasisee jiraachuun maxxansaalee garaagaraa irraa hubachuun ni danda’ama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading