• Tue. Apr 28th, 2026

ABO-WBO zoonii Giddu Galaa humna Abiy irratti tarkaanfi fudhate

May 1, 2022

Irree fi abdiin uummata Oromoo gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii Giddu galaa humna faashistii koloneel Abiy Ahmed irratti tarkaanfi fudhate!

(ONM-ABO Caamsaa 1,2022)

Ebla 29, 2022 jajjabeen Waraana Bilisummaa Oromoo sakattaa daandii Finfinnee fi Ambootiif ganda Meexxii fi Asgorii ture.

Sakattaa kana wareeruun Ebla 30, 2022 ganama sa’aati 12:00 irratti goolessituu PP sakattaaf jecha aanaa Amboo ganda Ta’ee Saqaa bakka addaa Dagooyyeeti bobbaate jajjabeen waraana bilisummaa Oromoo buttaan Jaagamaa Badhaanee rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessee jira.

Lola kanaan waraanni goolessituu kun kottee na baasiin erga baqattee booda humna dabalachuun ganda sanatti deebi’uun dhukaasaan uummata goola turte. Akkasumas nama nagaa tokko rasaasaan akka rukutte maddi keenya nuuf himeera. Kana malees du’aa fi madoo ishee hanga gabaasni kun qindaa’etti akka hin kaafanne himuun kanas namni akka gaaga’ama ishee hin agarreef ta’uu himaniiru.

Aana Amboo ganda Xuleettis jajjabeen waraana Bilisummaa Oromoo buttaan Jaagamaa Badhaanee kaleessaa ganama sa’a 4:30 irratti lola gaggeeffameen waraanni faashistii PP madoo fi reenfa 11 baadhattee bakka dhuftetti deebiteetti.

Aanuma Amboo ganda Ganjii Gooroo Horee bakka addaa gabaa Qidaameettis Lola buttaan Jaagamaa Badhaanee gaggeesseen madoo fi reenfa 5n baachisee bakka dhuftetti deebiseera.

Aanaa ilfataa ganda Sinaanii lukkuu magaala Shanganneetti lola Ebla 30, 2022 marsaa lamaaf lolameen Waraana goolessituu koloneel Abiy Ahimed 20 madoo fi du’aan adabeera.

Duula lolaa baname uummata keenya irraa qolachuun qabsoo Oromootti xumura gochuuf gaggeeffamaa jiru akka itti fufu ibsuun kasaara waraana ishee irra ga’uun humni murna PP uummata nagaa miidhu waan amaleeffatteef uummanni keenya yeroo kamiyyuu caala of eeggannaa akka godhu dhaamaniiru.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading