
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu PP irratti kaleessa ka’ee godina Gujii onoota garaagaraa keessatti fudhachaa jiraachuu beeksise.
(ONM-ABO Caamsaa 1,2022)
Irree fi gaachanni uummata Oromoo gochaan malee ololaan of hin agarsiisne godina Gujii bahaa keessatti tarkaanfii akkaan guggubduu waraana sirna faashistii PP irratti fudhachaa jira.
Irree fi gaachana ummata Oromoo kan ta’e wbo,n zoonii kibbaa godina gujii Lixaa, Aanaa Galaana Abbayyaa gandoota gara garaa kanneen akka dibbichaa,dhoqqichaa fi geeloo keessatti tarkaanffi fudhachuun waajira biltsiginnaa guutummaatti erga barbadeesseen boodaa qawwee Akm 9 rasaasaa 350 fi motora tokko istooraa diinaa keessaa booji’uun gali qabsoo ummata oromoof olcheera. Akkasuma caasalee pp sakatta’insa Wbo,n taasiseen to’atamani cufayyuu gorsa barbaachisu keennuun gara maatii isaanitti akka deebi’ani tolchameera.
Injifannoon Uummata Oromoof!
