Waraanni sirna PP waliin walitti dhukaasuu hammeessuun godina Gujii lixaa magaalaa Bulee Horaa keessatti hoggganaa godinichaa rasaasaan rukutan.
(ONM-ABO Caamsaa 2, 2022)
Mataan nafxeenyootaa Abiy Ahimed yakka waraanaaf gaafatammaan isa eeggatu jala miliquuf impaayeera diigamaa jirtu suphuuf baajeta olaanaan humna waraana isaa jabeeffachuuf baasee humna tikaa gosoota garaagaraa Oromiyaa keessatti haa bobbaasu malee humnootni gariin keessaa kan badan yoo ta’u gariin ammoo achumatti rasaasaan wal rukuchuun miidhaa wal irraan ga’u.
Ebla 30, 2022 kibba Oromiyaa godina Gujii lixaa keessatti bulchiinsa godina Gujii lixaa kan ta’e obbo Jambaruu Abbabee osoo inni magaalaa Bulee Horaa keessatti waltajjii irra jiru waraanni faashistii PP walii isaaniitti deebi’uun rasaasa itti dhokaasuun irree isaa irra rukutanii jiru.
Sababa dhukaasa walii isaanii irratti bananii wal miidhaniin kan ka’e milishootni kanaan dura ganda irraa gara magaalaa Bulee Horaatti baqatan naasuu kanaan adda facaa’uun ifoomeera.
Waraanni fi dabballoonni sirna PP waan hojjechaa fi du’aa jiraniif hin beekne moorichuma keessatti rakkoon sirnichi irraan ga’aa jiruu,dabaa fi cubbuun isaan uummata qulqulluu Oromoo irraan ga’aa jiran yeroo itti hammaatu achumatti wal irratti tarkaanfii fudhachuun mooraa waraana PP keessatti baratamaa ta’ee jira.
