Haasaa Ajajaa Olaana ABO-WB0 fi Ajaja WB0 Zoonii Lixaa Jaal Marroo Dirribaa Baatii Eebila 2018 keessaa taasisa hanga ta’ee #Gurmuu Lammii Ejjeetan Barreeffamaatti jijjiire Jira. Haasaan kun Daqiqaa 48 yoo tahu kan hiikamee daqiqaa 5 qofaadha. Kanaaf, Vidiyoo kana obsaan caqasaa! Waliif qoodaa!
“Galan, Uummannii Oromoo Dheebuu Bilisummaa qabu akka lafa oona hongeen irraa bu’ee babbaqaqeetti itti roobee hinquufne,dheebuu sanaatu mana isa baasee jrnnaan bahee simaatee jechuudha.
Baatanii simaattan, Gaaffiin isiniif qaba!Karaa nagaa hojjeechuu taanan qawwee qabachuun yakka.Qawwee qabannaan karaa nagaa hojjeechuun hindanda’amu.Isa kana akkamiin wal simsiiftan jettaanii gaafattaniittuu? Gaafattaniittuu?
Hingaafanne taanan Aanaatu isiniitti himaa jechuudha.
Karaa Nagaa Namni galee,Mootummaan kun mootummaa kiyyaa Naaf ta’eera waliin hojjeechuu nan danda’a jetteetu amaante fudhaatte jdchuudha. Yoo akkas, ta’ee ammoo Qawwee irraatti kaasuun yakka waan ta’eef Qawwee lafa keessaa jechuudha.
Filmaatatu jira nigalmoofta,dorgoommeetti dhihaatta. Qawwee hinqabduu,Aadaa Seenaa filmaata Xoophiyaa keessaatti kan sabni filatee osoo hintaane, abbaa koroojoo hateetu darba.ni injifataamta jechuudha. Addi Bilisummaa Oromoos seenaa ta’ee hafaa jechuudha.
1. Yoo Galamee Qawwee hiikkadhaa jedhsme hinhiikkannu jechuunis immoo jira. Kaleessaa Warrii keenyii,Warri qabsoo eegalee waan barbaadu argatee osoo hintaane,ajaajamee jennaan ajaja guutuuf Qawwee hiikkate.
Har’a Oromoon keessattuu, Dhaloonni Qubee Qaroon kun waan barbaadu yoo argatee malee, ajaja guutuuf qawwee hinhiikkatu jechuudha. Isa kanaaf,waanti jiru ergaa biyya galamee,waraanni Bilisummaa Oromoo akka Qawwee hiikkatu Dhaaba isaarra ajajni itti darbee jira.
Jaal Marroo:- Haahiikkatuumii?
Hawwaasa:-Hin hiikkatu!
Jaal Marroo:-Ajaja
Hawwaasa:- Hinbarbaannu.
Jaal Marroo:-Hinhiikkatu yoo ta’ee Ammoo Jaaroleen kan biyya galteettu akkam haata’an?
Hawwaasa:- Hinbarbaannu.
Asirraatti burjaajii dhalatu Oolchuuf jechaan isin waame jechuudha har’a.
Jaal Marroo:- miiraan waanti hojjetamu hinjiru. Yookan Imotional taane waanti hojjeennu hinjirtu. Haqa jiruu waliitti himneetu Yookan waliin dhumuu yookan ammoo waliin dhaabannee qabsootti fufuudha.
Hawwaasa:- Itti fufna!
Yoo hinhiikkannu jennee, na hubaadha! Nagaa jennaan nagaa. Karaa nagaa dandeenyaan qawwee hiikkachuun dirqama. Hinhiikkannuu jennaan ammoo Jaaroleen keenya nu haaluu qabu jechuudha. Waraanni Bilisummaa Oromoo inni hidhatee jiru, waraana keenya miti jechuu qabu. Yoo kun dhufe Uummanni Oromoo jaarolee keenyaa dhaggeeffatee nuti shiftaa taanetu daggala jiraanna jechuudha. Jechuu mitii ree? Jechuudha. Yookan Jaaroleen sun hiikkadhaa waan jedhan fudhattanii qabsoo kara nagaa itti fufuu.
Hinbarbaannu. Yookan haala kam keessattu, waraanni Bilisummaa Oromoo ajaja sana cabsee lola itti fufa. Taanan na waliin loluu jechuudha.
Niloolla.
Nilolta yoo ta’ee sin lolchiisa. Rakkoon hinjirtu. Yoo isin hiikkadhaa jettaan Ani ammoo Gafaarsa, Leenca ,Jaldeessaa,Karkarroo, Booyyee,Bosonuu ,Kuruuphee,Weennii daggala jiruun bilisa baasa jechuudha. Isiniif hingallee? Isin Bilisa Bahuu hinbarbaanne taanan Qawwee kiyyaa hinhiikkadhu Leencaaf Qeerransa kiyyaan bilisa baasa. Mukti Oromootu bilisoomu qaba! Wareegama kaffalaa ture” Hubaadha Guutummaa Haasaa kana utuun hiikee Natti tola ture. Garuu, Ni dheerata waan ta’eef Viidiyoo kana obsaan caqasaa! Haasicha keessaatti jechoonni mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoo dandamachiisan hedduutu jira. Waa’ee Qeerroo Bilisummaa Oromoos bilchinaan ka’eera.
Kan barreeffamaatti Jijjiruu eegalee Gurmuu Lammii Ejjeeta
