Oromiyaa Guutuu keessaatti dargaggoota Oromoo Mana hidhaa baasuun waraanni bilxiginnaa Ajjeessa jiru.
(SQ-Caamsaa 19/2022)
Bahaa Oromiyaa Aanaa Baddannootti Qeerroo Murtii Aliyyii mana hidhaa baasanii reebicha ergaa irraan ga’aani Booda du’eera jechuun bakkeeti gatuu maddeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo gabaasan.
Yeroo ammaa Hoospitaala Baddannoo ka jiru yoo tahuu, Maatiinsa Hoospitaala seenanii akka hin yaallanneef dhorkamuu maddeen keenya dubbatu. Dokteera Yaala turees Maaf Daawwaa laatteef jechuun waraanni Bilxiginnaa Hidhee jira.

