• Tue. Apr 28th, 2026

Godina Arsii Lixaa Magaalaa Shaashamannee keesaatti maanguddoo tokko hidhuun dhaga’ame

May 20, 2022

Godina Arsii Lixaa Magaalaa Shaashamannee keesaatti maanguddoo tokko hidhuun dhaga’ame.

(ONM-ABO Caamsaa 20,2022 )

Arsii Lixaa Aanaalee Siraaroofi Shaallaa keessatti, General Daraaroo Guyyeen hojii gootummaa isaaniin beekamu. Gootummaa qabaniifi qindeessummaa lolaa yeroolee gara garaatti Uummata qawwee qaban ajajuun Uummata isaa irraa diina jilbeenfachiisuun jaalala qabaniin Oromoon Generaalummaa kennuufiin General Daraaroo Guyyee jedhamu.

Caamsaa 13, 2022 ilmi Obboleessa isaa Waraana PPn ajjeefamuun Dannaboo diinatu ajjeese jette, Diina nuun jette jechuun doorsisaa kan turan yoo ta’u, Caamsaa 18, 2022 ni araaramna jechuun manguddoo ittii erganii gara magalaa Shashamannetti akka shufu taasisani.

Generaal Daraaroo bifa jaarsummaan erga harkaan ga’atanii booda, “uummaata nurratti qindeessiitee nu LOLCHIISUUF qopheessaa jirta, WBO as jirus situu asittii galchee qubaa qabda, nyaachisaas jirta, isaaniin walii galtanii ummaannii Shallaafi Siraaroo Akka nuu loluf qopheessaa jirta” jedhuun qabanii qajelcha poolisii aanaa shaashamanneetti hidhuu maddeen keenya magaalaa Shaashamannee irraa gabaasaniiru.

Daraaroon maanguddoo yeroo Wayyaanee Sana uummata aanaa Shaallaafi Siraaroo waraa hidhannoo qaban walitti qindeessuun ajajuun lolee lolchiisaa wayyaanee jilbifachiiseedha. Manguddoon Kun nama umuriin isaanii silaa hidhaaf osoo hin taane kabajaafi Kunuunsi maluuf malee, dararaan hin maluuf ture.

Mootummaa abdii kutataa salphoon maanguddoota keenya salphisaa jiru kana waloon WBO cina hiriirree xumura itti haa goonuun dhaamsa Qeerroo Aanota Shaallaafi Siraarooti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading