• Mon. May 4th, 2026

Kibba Oromiyaa, Godina Gujii Lixaa keessatti nama tokko konkolaataatti hidhuun lafarra harkisanii ajjeesuun dhagaa’ame

May 20, 2022

Kibba Oromiyaa, Godina Gujii Lixaa keessatti nama tokko konkolaataatti hidhuun lafarra harkisanii ajjeesuun dhagaa’ame.

(ONM-ABO Caamsaa 20,2022 )

Mootummaan nama fayyaa qabu belbela ibiddaa keessa buusee nama gubu, amma immoo Kibba Oromiyaatti nama fayyaa konkolaataatti hidhuun lafarra harkisee ajjeesuu maddeen keenya uummata ijaan argan wabeeffachuun gabaasaniiru.

Godina gujii lixaa Anaa bulee horaa Ganda qilensoo mokkoonnisaa jedhaamuttii waraanii sirnaa nama nyaataa motummaa itoophiyaa umaata nagaa namaa maqaan isaa
Ayyelee Adulaa Qaldhaa jedhaamu ati Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun erga qabanii booda konkoolaatatti hidhuun osoo inni lubbuun jiruu lafarra harkisuun ajjeesan.

Ayyaleen nama jiruu dhuunfaa isaa jiraatu yoo ta’u, WBO qabanne jechuun qabanii konkolaataatti hidhuun magaala keessa lafarra harkisuun gocha suukkanessaa irratti dalaaguun bodaa rasaasa sadi itti roobsuun ajjeesan.

Oromoo ajjeesuun qabsoo Oromoo ajjeesuu miti kan jedhan Qeerroon Bilisummaa Oromoo Onichaa, Waraana keenya Waraana Bilisummaa Oromoo bira dhaabbachuun sirna nama nyaataa kan guyyaa guyyaan dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa Oolu kanatti xumura itti haa goonu jechuun dhaammataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading