Gootichii waraana Bilisummaa oromoo zoonii kibbaa tarkaanfii laaleessaa diina irratti fudhateen injifannoo cululuqaa galmeessee jira.
ONM-ABO Caamsaa 22,2022
Haaluma kanaan gootichii waraana bilisummaa cibraan odaa adoolaa, caamsaa 21,2022 godina gujii bahaa aanaa Waadaraa iddoo addaa hara-Tuulamii jedhamuutti lola cimaa taasiseen loltoota pp 10 ijjeessee 15 madoon adabee jira.
Ittuma fufuun caamsaa 22,2022 Aanaa Sabbaa Boruu iddoo addaa sabbaa Lolaa jedhamuutti , tarkaanfii haleellaa kaampii diinaa irratti fudhateen ,( 6 )booji’uun kilaashii Akm 6fi karbeenii 3 galii taasisee jira.
Guyyuma kana Aanaa Gooroo Doolaa ganda Raaroo iddoo addaa qiiqqee beenzilaa jedhamuutti lolaa taasiseen 1 duhee 1 madeessee jira.
Bifuma wal fakkaatuun
Caamsaa 21, 2022 kallaatti hedduun kan bobbaate kibba Lixa Shaggar Aanaa Ammayyaa ganda Ajjaamootti yaa’aa kan turan, guyyaa keessa sa’aati 8:00 titti bakka addaa Qantuutti qabuun lola jajjabaa geggeesseen ,
haga gabaasni kun qindaa’etti madoo fi du’aa ambulaansi lamaa fi patrooli 3n kaasaniiru.
Sa’aatuma wal fakkaataatti Aanaa Ammayyaa magaala xiqqaa Harrooji lafa torbanoota darbsniif qabattee caasa ijaaraa turte seenuun caasaa isaanii guure baheera.

